Fana: At a Speed of Life!

Faayidaa Hundee Diimaan fayyaa namaaf qabu

Finfinnee, Sadaasa 5, 2019 (FMC) – Kuduraalee Itiyoophiyaatti bal’inaan oomishaman keessaa Hundee Diimaan isa tokko.

Hundee diimaan qabiyyee heddu kan fayyaa fi qaama namaaf baay’ee barbaachisoo ta’an of keessaa qaba.

Vitaminoota gara gosa shanii fi pirootinii fi albuudota kanneen akka kaalsiyeemii, Ayiranii, soodiyamii fi pootaasiyamii fa’an kan badhaadhe.

Hundee diimaan soorata tuffatamu osoo hin taane soorata kabajamaa fi qoricha gaariidha.

Keessattuu Tiruu fi Kalee summii adda addaa irraa qulqulleessuuf biqila dorgomaa hin qabnee dha.

Gosoota kuduraa hawaasa keenya biratti akka waan faayidaa guddaa hin qabneetti ilaalamaa turan kessaa hundeen diimaa isa tokko.

Haa ta’uutii fayyaa onnee, dhiigaa, garaachaa fi sochii qaamaa deeggaruuf kuduraa gaarii dha.

Qabiyyeewwan akka naayitreetii uumamaa, faayibera, foleetii fi maanganiizii hedduu of keessaa waan qabuuf yeroo baay’ee akka “superfood” (nyaata humna addaa qabu) tti ilaalama.

Kuduraan kun akaakuu adda addaan kurfeeffamee nyaatama.

Waaddamee, bifa Ittoo, Cuunfaa fi Dheedhiin nyaatamuu danda’a.

Faayidaalee inni Fayyaaf qabu keessaa ijoon:-

-Fayyummaa Onnee fi Dhiibbaa Dhiigaa: Naayitreetiin uumamaa keessatti argamu dhiibbaa dhiigaa hir’isuun yaa’insa dhiigaa fooyyessuuf gargaara.

– Humna Ispoortii: Juusiin hundee diimaa tishuuwwan maashaalee keenyaaf oksijiinii gahaa akka argatan gochuun namni tokko yeroo dorgommii ispoortii akka hin dadhabneef gargaara.

– Fayyaa Sammuu: Sammuudhaaf yaa’insa dhiigaa gaarii uumuun dandeettii yaaduu fi hubannoo fooyyessa.

– Tiruuf: Hundeen diimaan qabiyyee “betaine” jedhamuun badhaadhaa waan ta’eef, tiruun keenya summii akka baasuuf gargaara.

Ragaan fuula marsariitii ‘Healthline’ irraa argame akka mul’isutti Hundee Diimaan Giraamni 100:- Kaaloorii kcal 58-59, Kaarbohaayidireetii giraama 13, Faayibarii giraama 3.8, Pirootina giraama 2.2, Cooma giraama 0.2 gadi of keessaa qaba.

Hundee diimaan kaaloorii xiqqaa of keessaa qabaatullee, vitaaminootaa fii albuudoota qaamaaf barbaachisan hunda of keessaa waan qabuuf Nyaata madaalawaa keessatti fayyadamuun fayyummaa onnee fi ujummoolee dhiigaa deeggaruu danda’a.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.