Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Ameerikaan Hariiroo diinagdee cimsuuf mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 12, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaa fi Ameerikaan dippiloomaasii daldala guddisuu fi hariiroo diinagdee caalmaatti cimsuuf marii dandeessisu gaggeessaniiru.

Ministirri Ministeera Maallaqaa Dooktar Fitsuum Asaffaan Jila Ministeera Daldalaa Ameerikaatti Gargaara Barreessaa Dhimmoota Afrikaa Maark Miisheeliin durfamu waliin mari’ataniiru.

Marichi daldalaa fi Invastimantii babal’isuuf dhaabbiilee michuu Dhuunfaaf carraalee haaraa uumuun dippiloomaasii Daldalaa babal’isuun waliti dhufeenya diinagdee biyyootaa akkaataa guddisuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Jillichaaf fooyyeessii diinagdee gooroo Itiyoophiyaan bu’aalee argamanirratti ibsi kan taasifameef yoo ta’u, Abbootiin qabeenyaa Ameerikaa hirmaannaa Invastimantii Itiyoophiyaa keessatti qaban akka guddisaniif yaadota wal jijjiiraniiru.

Gargaaran Barreessaa wayita kana akka jedhanitti, Manni Hojii Daldalaa Ameerikaa hariiroo daldalaa biyyoota lameenii cimsuufi dhaabbiileen Ameerikaa hirmaannaa invastimantii keessatti qaban guddisuuf murannoon kan hojjetamu ta’uu mirkaneessaniiru.

Gareewan lamaan ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuurratti kan mari’atan yoo ta’uu, piroojektichi tumsa diinagdee biyyattii cimsuuf carraa murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Pirojektichaaf maallaqa barbaachisu walitti qabuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti, Baankiin alergii fi galchii Ameerikaa (U.S. Export-Import Bank) fi Dhaabbanni Faayinaansii Misooma Idil addunyaa Ameerikaa gahee isaan bahachaa jiraniif beekamtii kennaniiru.

Tumsa kana gara fuulduratti tarkaanffachiisuu fi hirmaannaa Ameerikaa guddisuuf tumsi gamlamee jiru barbaachiisaa ta’uu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.