Ijaarsi bu’uuraalee misoomaa Raayyaa madaalu cimee itti fufa- Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa
Finfinnee, Sadaasa 10, 2019 (FMC)- Ijaarsi bu’uuraalee misoomaa Raayyaa Ittisa Biyyaa madaalu cimee itti fufa jedhan Itaamaajoor Shumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan.
Qajeelchi Olaanaa Mahaandisii Raayyaa Ittisa Biyyaa Kaampiiwwan kutaa waraanaa Walancitii fi Geejjaatti ijaarame eebbisiseera.
Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan wayita kana akka jedhanitti, waggoottan torban darban naannolee garaagaraarratti kaampiiwwan loltummaa ammayyaa 30 ol ijaaramaniiru.
Ijaarsi bu’uuraalee misoomaa akkaataa raayyicha madaaluun cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Hogganaan Qajeelchichaa Jeneraal Dastaa Abichee gamasaaniin, Qajeelichi Mahaandishii Raayyaa Ittisa Biyyaa piroojektoota gurguddoo raayyicha madaalan hedduu ijaaraa jiraachuu kaasaniiru.
Kutaan Waraanaa har’a Walancititti eebbifame yeroo karoorfameef keessatti xumuramuu ibsuun, lafa heektara 22 irra kan qubatee akkasumas kan Geejjaa lafa heektaara 53 irratti kan ijaarame ta’uu dubbataniiru.
Kaampiiwwan kunneen dhaabbiilee fayyaa dabalatee giddugaloota tajaajila garaagaraa kennan hedduu of keessaa qabaachuu eeraniiru.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa