Fana: At a Speed of Life!

Fiigichi guddichi Itiyoophiyaa duudhaalee beeksisuurratti gahee olaanaa bahachaa jira – Salamaawiit Kaasaa

Finfinnee, Sadaasa 13, 2019 (FMC) -Fiigichi guddichi Itiyoophiyaa Turizimii Ispoortii si’eessuun duudhaalee dinqisiisoo Itiyoophiyaa addunyaatti beeksisuurratti gahee olaanaa bahachaa jira jedhan Ministirri Turizimii Salamaawiit Kaasaan.

Fiigichi guddaan Itiyoophiyaa marsaa 26ffaan haala milkaa’ana qabuun xumurameera.

Taateewwan Finfinnee bara baraan miidhagsan keessaa Fiigichi guddaan isa tokko ta’uu ibsan Salamaawiit Kaasaan.

Hirmaannaan hawaasa Dippiloomaasii, lammiilee biyyoota adda addaa fi kutaalee hawaasaa yeroo gara yeroo dabalaa dhufuu eeran.

Sagantichi maqaa biyyaa ijaaruu, duudhaalee beeksisuurra darbee Finfinneen taateewwan gurguddoo idil addunyaa keessummeessuu akka dandeessu agarsiiftuudha jedhan.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddaa #UummataGuddaa #Mul’ataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.