Sirna Bunaa fi Duudhaalee…
Finfinnee, Sadaasa 14, 2019 (FMC) – Bunni hawaasa Itiyoophiyaatiif sochii jireenya guyyaa guyyaa keessatti hidhata guddaa qaba.
Bunnii fi sirni bunaa waliin jireenyaa fi ollummaa kan cimsu akkumas walitti dhufeenya waliinii kan jabeessuufi duudhaa waliin jireenyaati.
Keessummaa hawaasa Jimmaa fi naannawaashee biratti bunni;nageenya, araaraa, waliin jireenyaa, Jaarsummaa fi sirna gaa’ilaa akkasumas sirnoota hawaasummaa kanneen biroo waliin walittin hidhamiinsa cimaa kan qabu aadaa fi duudhaa ummataati.
Diinagdeen hawaasichaa irra caalaanis buna irratti kan hundaa’e ta’uu isaan wal qabatee bunnii fi hawaasichi kan adda hin baanee fi hawaasa magaalaa Jimmaa biratti xiinsammuu hawaasaatiin walitti dhufeenya akka qabullee ni himama.
Siidaan Shiinii guddichi addabaaba’ii guddicha magaalattiitti dhaabbatee jirus walitti hidhamiinsa seenaa magaalattiin buna waliin qabdu kan ibsuudha.
Bunni faayidaa diinagdeetiin olitti qabeenya hawaasummaa ta’uunisaas ifee mul’ata.
Sirni koottaa buna dhugaa jedhamuu fi hawaasicha biratti bakka guddaa qabus bunni hawaasa kanaa waliin barootaaf akka turee fi ollummaa fi waliin jireenya hawaasichaa cimsuuf sababa ta’aa dhufeera.
Bunni danfe waliin jireenyaaf waliin dhugamus Bunaaf Nagaa hin dhabinaa eebbi jedhu yeroo buna dhugan eebbaa fi hawwii gaarii manguddoota Jimmaa ta’ee beekama.
Bunni akaayamee,urgeeffatamaa,tumamee,danfee Shiinii fi jabanaan dhihaatee jaalalaaf tasggabbiin waliin taa’amee Buna Jabaa,jedhanii dhuganii,Barakaan yemmuu eeggatanii waliin dhugan waliin jireenya keessatti rakkoo muudatullee yeruma kanatti yaadaan wal deeggaranii furmaata barbaaduun sirnuma bunaa kanarrattidha.
Aadaa Jimmaaf naannawaashee keesatti “Bunaaf Nagaa hin dhabinaa” dhimmi jedhu, Jimmaaf nageenyi akkasumas bunni gargar ba’uu akka hin dandeenye ibsa.
Sirna buna dhugaarratti walitti dhufuun,qonnaan bulaan dhimma jireenya ittanuu karoorsuun,qophii sanyiirraa hanga oomisha sassaabuutti kan qophaa’anii fi mari’atan bunni danfee sirna bunaarratti akka ta’es ni beekama.
Jimmaa dabalatee naannoolee biyyattii heddu keessatti buna saafiraa malee dhiheessuun salphina akka ta’es ni himama.
Cuukkoo,Caccabsaa,akaawwii fi buna qalaanis saafiraa bunaa isaan aadeffataman akka ta’es ni himama.
Yemmuu bunni dhugamu taa’umsaa kaasee adeemsi hundi sirnaaf safuun raawwata.
Teessuma haadha warraaf abbaa warraatii kaasee hunduu akkaaf bakka taa’uu qaba.
Keessummaa kabajaan simachuu fi keessummeessuuf nooruu hin teenya ,taa’aa,buna dhugaa fi nagaa hindhabinaan aadaa fi duudhaa hawaasichaa barootaaf waliin dhufee har’a ga’eedha.
Jimmaan sirna bunaan miidhagdee fi ho’itee aadaaf duudhaa keessummaa simachuusheen faayyamtee,guyyaa sabootaaf sablammoota ummattoota Itiyoophiyaa 21ffaaf keessummoota gara magaalattii dhufan simachuuf qophaa’aa jirti.
Warqaafarraawu Yaalawutiin
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa