Afrikaanota walitti qabuu caalmaatti jabeessaa kan dhufte : Finfinnee
Finfinnee, Sadaasa 14, 2019 (FMC) – Konfiraasniin Fayyaa Hawaasa Afrikaa 5ffaan Finfinneetti taa’amaa jira.
Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii, Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yuusuuf fi Hoggantoota biyyoota Afrikaa dabalatee qooda fudhattoonni sadarkaa adda addaa Konfiraansicharratti hirmaachaa jiru.
Konfiraansichi mata-duree “Nageenyaa fi Birmadummaa Fayyaa Afrikaa; Ce’umsa hirkattummaa fi Saaxilamummaa Fayyaa Irraa Gara Abbummaa fi Dandamannaa” jedhuun taa’amaa jira.
Konfiraansiin kun Teessoo Gamtaa Afrikaa kan taate Finfinneen Afrikaanota walitti qabuu caalmaatti cimsaa dhufuu kan mirkaneessedha.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Konfiraansichaan cinaatti Pireezidaantii Seeraaliyoon Juuliyes Maadaa Biiyyoo, Pireezidaantii Buruundii fi Dura Taa’aa Yeroo Gamtaa Afrikaa Evaariisti Nigaayishiimiiyyee, Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Eemireetoota Araba Gamtoomanii Sheek Shaakbuut Biin Naahiyaan Al Naahiyaan, Pireezidaantii Ittaantuu Ugaandaa Jeesiikaa Aluuppoon waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.
Waltajjiiwwan akka kanaa faayidaa olaanaa qabu.
Hariiroo waloo, naannawaa, ardii, guddina diinagdee fi hawaasummaa cimsuuf gahee guddaa qabu.
Konfiransichi yaadota haaraan, tumsa biyyoota Afrikaa gidduu jiru cimsuu fi Afrikaa fayya qabeettii taatee akkasumas qormaata fayyaa gara fuulduraa dandamachuuf qophoofte ijaaruuf gumaacha olaanaa qabaata jedhamee amanama.
Itiyoophiyaan muuxannoo damee sagantaa ekisteenshinii fayyaa, leenjii ogeeyyii fi oomisha qorichaa irratti horatte ittiin qooddattu, akkasumas michoota ishee irraa invastimantii fi teeknooloojii ittiin hawwattu ta’a.
Kunis faayidaa biyyaalessaa ishee ni guddisa.
Finfinneen Yaa’iwwan jajjaboo idil addunyaan ga’umsaan keessummeessaa jirti.
Kunis biyyattiin ajandaa ardichaarratti dhaga’amtummaa qabdu caalmaatti guddisa.
Dhaga’amtummaan dippiloomaasii hanguma dabalaa dhufe faayidaa biyyaalessaa milkeessuuf gahee ijoo qabaata.
Dabalataan damee Hoteelaa, Geejjibaa, Turizimii fi tajaajilootaaf faayidaa guddaa qaba.
Sharafa alaa argamsiisuun diinagdee biyyaa utuba.
Itiyoophiyaan Yaa’ii Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii 32ffaa keessummeessuuf jala bultiirratti argamti.
COP 32 Yaa’ii guddaa idil addunyaa ta’uurra darbee Ajandaa Itiyoophiyaa qabeenya qilleensaa fi eegumsa naannoo irratti qabdu guddisuuf, tumsa cimsuuf, invastimantii hawwachuuf, akkasumas tattaaffiiwwan biyyaalessaa bu’aa itti fufiinsa qabuutti jijjiiruuf carraa guddaa kan uumudha.
Itiyoophiyaan yaa’ii COP 32 magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuun muuxannoo qabatamaa jijjiirama qilleensaa ittisuufi dandamachuu irratti qabdu addunyaaf dhiyeessuu, akkasumas sagalee Afrikaa ta’uun gaaffiiwwan ardichaa sadarkaa idil-addunyaatti dhiyeessuuf itti fayyadamti.
Mariiwwan hoggantootni har’a Konfiraansii Finfinneetti gaggeeffamaa jiru irratti taasifaman, Finfinneen ardii Afrikaaf wiirtuu marii fi murtii qofa osoo hin taane, faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa milkeessuufis gahee murteessaa qabaachaa dhufuu agarsiisa.
Afawarqi Iyyaayyuutiin
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa