Fana: At a Speed of Life!

Yeroo ammaa baadiyyaafi magaalaatti ijaarsi manneen jireenyaa raawwatamaa jira ‎- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 17, 2019 (FMC) – Mootummaan fedhii dhiyyeessii manneen jireenyaa guutuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jira jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Mooshinii dhiyaate ilaalchisee gaaffii fi yaada miseensota mana marichaarraa ka’aniif ibsaa fi deebii bal’aa kennaniiru.

Labsii Gubaa keessa tokko kan ta’e waggoota shan keessatti manneen jireenyaa miliyoona 1.5 ijaaruun lammiileef dabarsuuf hojjetamaa jiraachuu kaasan.

‎Kanaafis sirna liqii mana jireenyaa diriirsuu, qophii lafaafi teeknooloojii irratti hojjetamaa akka jiru ibsan.

‎Yeroo ammaas baadiyyaafi magaalaatti ijaarsi manneen jireenyaa raawwatamaa jira jedhan.‎‎ ‎

Yeroo gabaabaa keessatti manneen jireenyaa ijaaruuf kan gargaaran teeknooloojiiwwan garaagaraa hojii irra oolaa jiraachuu himan.

‎Karoora manneen jireenyaa miiliyoona 1.5 ijaaruuf qabame galmaan ga’uuf tattaaffii cimaan taasifamaa jiraachuu dubbatan.

#MullataGuddaa#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.