Fana: At a Speed of Life!


  • Likes
  • Subscribers
  • Friends
  • Sunday, August 24, 2025
  • Waa’ee Faanaa
  • Nu argadhaa
  • አማርኛ
  • ትግርኛ
  • English
  • Arabic
  • Afar
  • Somali

FanaBC FanaBC - Itiyoophiyaa Himna!

afar banner
  • Fuula Duraa
  • Oduu
  • Dhugoomsa Ragaa
  • Biiznasii
  • Ispoortii
  • #
  • Teeknooloojii
  • Fayyaa
  • Language
    • አማርኛ
    • ትግርኛ
    • English
    • Arabic
  • Archive
    • October
    • November
    • December
Welcome to Fana Media Corporation S.C

Seenaan Adwaa kabajaa fi birmadummaa waloof obbolummaan wareegamuu nu barsiisa-Obbo Shimallis

On Mar 1, 2022 448

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2014 (FBC)-Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaan Seenaan Adwaa kabajaa fi birmadummaa waloof obbolummaan waliin wareegamuu fi gootummaan dhaabachuu nu barsiisa jedhaniiru.

Guutuun ergichaas akka armaan gaditti dhiyaateera:-

Kabaja Ayyaana Injifannoo Adwaa waggaa 126ffaa ilaalchisee ergaa Pirezidaantii MNO dabarsan!

Akka lakkoofsa Awuroopaanootaa bara 1884-1885 konfaransiin shiraa Imeeraalistoonni Awurooppaa biyya Jarman Magaalaa Barliintti taa’ame Afrikaanootaaf baroota dukkanaa fi godaannisa hammeenyaa dhiisee darbe. Qabata qaroomina Afrikaaf fidna jedhuun Afrikaa akka foon qircaatti adda qooddatan. Haala kanaan, Jaarraa tokkoo oliif Afrikaanoonni qabeenyaa fi eenyummaa ofittiif osoo hin taane hacuuccaa hamaa jala wayita turtetti Itoophiyaan wareegama qaalii ilmaan ishii kaffalaniin Afrikaa keessaa biyya addatti birmadummaa ishii kabachiiftee fullaate ta’uun Impeeraalistootaaf salphinaa fi nasuu gurraachota addunyaa fi Afrikaanootaaf ammoo faajjii gootummaa fi walabummaa ta’uun seenaa hin dimimoofne galmeessitee jirti. Akkuma hayyuun seenaa Piroofeesar Baahiruu Zawudee “Haala argameefi dhagahamee hin beekneen humni waraanaa gurraachi humna waraanaa adii irratti injifannoo waraanaa olaanaa gonfate” jedhee barreesse Injifannoon Adwaa kallattii yaa’insa seenaafi seeneffama siyaasa addunyaa jijjiire. Waan ta’eef Baga guyyaa faajjii paan Afrkaanizimii, guyyaa injifannoo Adwaa waggaa 126ffan nagaan geessan jechuun fedha.
Seenaan daawitii hara’arra dhaabannee bu’uura eenyummaa keenyaa kaleessa ittiin ilaallu; jireenya keenya har’aatiif barumsa eyyantaa irraa fudhannee egeree keenya ittiin raagnee kan akeekkanu waan ta’eef, Seenaa Adwaa irraa waan guddaa baranna. Shirri qircannaa impeeraalistoonni Awurooppaa Afrikaa irratti xaxan Itoophiyaarratti milkaa’ uu dhabuun sababni Xaaliyaaniin waaroo salphinaa itti uffatteef tokkummaa fi gootummaa Itoophiyaanotaati . Hanga fedhe garaagraummaan siyaasaa keessoo jiraatus, ummanni aggaammii birmadummaa fi kabaja eenyummaa biyyaarratti dhufe ilaalchisee garaagarummaa hin uumne ummata Itoophiyaati.
Kun qaama duudhaa ummata Oromootis . Ummanni Oromoo seenaa Ijaarsa biyya Itoophiyaa keessatti kaleessaa hanga har’aatti birmadummaa biyyaa fi kabaja eenyummaa Itoophiyummaa isaatiif oboleeyyan isaa biroo waliin wareegama kaffalaa as gahee jira . Lafeefi dhiiga isaatiin utubaa birmadummaa fi kabaja Itoophiyaanummaa ta’ee fulla’ee jira. Itoophiyaa dhiigaa fi lafee keenyaan utubnee asiin geenye kan irraa qoolifannu osoo hin taane har’as akkuma kaleessaa wareegama qaalii kaffallee tikfachaa jirra. Waraanni Adawaa Xaaliyaanii fi Impeeraalistoota birootti waaroo salphinaa uwwisee faajjii paan Afrikaanizimii ta’ee injifannoon xummurame gootummaa fi wareegama qaalii ummanni Oromoo obleeyyan isaanii waliin kaffalaniin ala akka hin milkoofne barreessitoonni seenaa hedduun ragaa bahaniiru.
Kanaaf, seenaan Adwaa kabajaa fi birmadummaa waloof obolummaan waliin wareegamuu fi gootummaan waliin dhaabachuu nu barsiisa . Eenyummaa fi kabaja birmdummaa keenya eegnee har’a gahuu keenyaaf, garaagarummaa tokko malee obbolummaa fi gootummaadhaan walbira dhaabachuuf murtoon abbootiin keenya murteessan duudhaa gootummaa fi obbolummaa dhaloonni har’aa barumsa guddaa iraa fudhateedha. Keessumattuu waggoottan lamaan daraban keessatti akkuma kaleessaa keessaa fi alaan akka biyyaatti nu diiguuf shirri wixinaa’e wayta nutti agaamametti tokkummaa, obbolummaa fi gootummaa barameen wal bira dhaabachuun ergamaa ergama isaa waliin awaaluun ergattootaaf ummata qormaata kamiifuu harka hin laanne ta’uu keenya obboleewwan biroo waliin fuldura dhaabachuun barsiifnee jira.
Duudhaan injifannoo Adwaa dhalootaan dhaalamuu isaatiin har’as akkuma kaleessaa Itoophiyaanonni humna alaa fi keessaa birmadummaatti agaamuuf ramacii ibidaa fi qoraattii agamsaa diina hin sochoofne ta’uu isaanii Juuntaafi firoottan isaatti agarsiisee jira.
Kun akka eegametti ta’ee duudhaan obbolummaa, gootummaa fi faajjiin walqixxummaa gurraachootaa fi Adiiwwanii addunyaan akka irraa barattuuf injifannoo Aduwaan Afrikaa keessa dhaabne keessoo keenyaaf fayyadamneerraa ? gaaffiin jedhu yeroo kanatti deebii hunda keenyaa barbaada . Kaleessa tokkummaa fi gootummaan wal bira dhaabbannee diina barbadeessuuf yeroo nutti hin fudhanne; garuu ammoo tokummaa fi miira obbolummaatiin madda salphinaafi ka’umsa saaxilamummaa keenyaa kan ta’e hiyyummaa keessaa bahuuratti yeroo dheeraa fudhachaa jirra. Ka’umsi rakkoo kanaa ammoo ajandaan keenya yeroo hundaa ajandaa siyaasaa garaagarummaa bal’isu ta’uu isaati.
Kan nu fayyadu qabeenya umamaa qabnu misoomsinee madda saaxilamummaa keenyaa hiyyummaa balleessuun ajandaa duraa tokkummaa fi gootummaan Adwaa kaleessaa ittiin mirkanaa’u ta’uu qaba. Ummanni jaarraa tokkoo fi walakkaadhaan dura faajjii walqixxummaa dhala namaa addunyaa irratti mirkaneesse, attamiin keessoo isaatti obboleessa isaaf madda walabummaa ta’uu dadhabe? Alagaa nu ajjeesuufi nu salphisuuf dhufe ofirraa qolachuuf waliin wareegamnee; as deebinee wal ajjeefna taanaan faajjii walqixxummaa fi walabummaa dhala namaa ta’uun keenya eessa? Impeeraalistoota qabeenya keenya saamuu dhufan wareegama qaaliin ofirraa qollee; kabaja keenya eegnee fullaanee, qabeenyi keenya tikfanne madda kabajaa fi Badhaadhina keenyaa yoo hin taasifne bu’aan wareegama keenya maali? gaaffileen jedhan gaaffilee ayyaana Adwaa kabajaa xiiqii fi kaka’umsa ol’aanaadhaan egeree keenyaaf akeeka waloo nu fayyadu ittiin keewwanuudha
.Adwaan obbolummaadha; jibbaa fi wal-gaareeffannaa maqsinee tokkummaa fi obbolumaan gara badhaadhina walootti imaluutu akka nurraa eegamu nu barsiisa. Adwaan gootummaa waan ta’eef, gootummaan keenya diina waloo keenyaa hiyyummaa fi booddeetti hafummaa dhabama gochuu qabna. Adwaan faajjii walabummaa fi walqixxummaa dhala namaati waan ta’eef, walitti dhufeenyi keenya keessatti tokkoon keenya kaan keenyaaf nagaa fi tasgabbii ta’uu qabna. Itoophiyaan biyya duudhaa gaarii waloo keenyaan ijaaramtedha. Waan nu hin fayyannee fi badii waloof nu saaxilu caalaa duudhaa waloo gaarii nu fayyadurratti xiyyeeffannee marii fi marabbaadhaan imala gara Badhaadhinaatti taasifnu jechaa irra deebiin Baga Guyyaa Kabaja Ayyaana Injifannoo Adwaa nagaan geessan.
Oromiyaa Ni Ijaarra!
Itoophiyaa ni utubna!
Gaanfa Afrikaa ni tasgabeessina!
Waaqnis nu gargaara!
Shimallis Abdiisaa
Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Guraandhala 22/2014
Finfinnee

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

448
Share FacebookTwitterTelegramWhatsAppEmailViberPrint
You might also like
Oduu biyya keessaa

Dhaloonni ammaa yaada furmaataarra gahuuf qophii ta’uu qaba- Piroofeesar Masfin…

Oduu biyya keessaa

Dhimmi Ulaa Galaanaa dhimma lammii hundaati- Hayyoota

Oduu biyya keessaa

Hambaalee Itiyoophiyaarraa sababa garaagaraan bahan deebisuuf hojjetamaa jira

Oduu biyya keessaa

Ashandaa, Ashandiyyee, Shaadayi fi Soolal ayyaanota tokkummaan baatii gannaa…

Prev Next

Leave A Reply
Cancel Reply

Your email address will not be published.

BAAY’INAAN KAN DUBBIFAMAN

Kaabineen Magaalaa Finfinnee dhimmoota lamarratti…

Ashandaa, Ashandiyyee, Shaadayi fi Soolal ayyaanota…

Kolleejjiin Poolii Teeknikaa Qananiisaa Baqqalaa Barattoota…

Gabaa naannawaa gara giddugaloota gabaa Sadarkaa isaanii…

Prev Next 1 of 3
- ማስታወቂያ -

- ማስታወቂያ -

Odeeffannoo Waqtaawaa Battalatti Argachuuf Galmaa'aa
Odeeffannoo Waqtaawaa Battalatti Argachuuf Galmaa'aa
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time
  • Facebook
  • Twitter
  • Google+
  • Youtube
  • Instagram
Archive
  • August 2025
  • July 2025
  • June 2025
  • May 2025
  • April 2025
  • March 2025
  • February 2025
  • January 2025
  • December 2024
  • November 2024
  • October 2024
  • September 2024
  • August 2024
  • July 2024
  • June 2024
  • May 2024
  • April 2024
  • March 2024
  • February 2024
  • January 2024
  • December 2023
  • November 2023
  • October 2023
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • June 2023
  • May 2023
  • April 2023
  • March 2023
  • February 2023
  • January 2023
  • December 2022
  • November 2022
  • October 2022
  • September 2022
  • August 2022
  • July 2022
  • June 2022
  • May 2022
  • April 2022
  • March 2022
  • February 2022
  • January 2022
  • December 2021
  • November 2021
  • October 2021
  • September 2021
  • August 2021
  • July 2021
  • June 2021
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • January 2021
  • December 2020
  • November 2020
  • October 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • July 2020
  • June 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
More Stories

Dhaloonni ammaa yaada furmaataarra gahuuf qophii ta’uu qaba-…

Aug 24, 2025

Dhimmi Ulaa Galaanaa dhimma lammii hundaati- Hayyoota

Aug 24, 2025

Hambaalee Itiyoophiyaarraa sababa garaagaraan bahan…

Aug 24, 2025
Prev Next 1 of 9,777
Waa’ee Faanaa

Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin

Waldaan Aksiyoonaa Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin dhaabbata cimaa, Faanaa fi Waaltaan duraanii walitti makamuun hundeeffamedha.

Read More
Social media
  • Facebook Likes
  • Telegram Friends
  • Youtube Subscribers
Popular Categories
  • Oduu biyya keessaa29331
  • Idil Addunyaa2166
  • Ispoortii2069
  • Biiznasii1534
  • Fayyaa1072
  • Teeknooloojii530
© 2025 - Welcome to Fana Media Corporation S.C. All Rights Reserved.