Fana: At a Speed of Life!

Aadaa Boonsaa Itiyoophiyaanotaa

Finfinnee, Hagayya 23, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaanonni waggoota dheeraaf yeroo rakkinaafi bal’inaatti wal cinaa dhaabbachuun beekamu.

Aadaan walgargaarsaa Itiyoophiyaanotaaf haaraa miti.
Kan rakkate gargaaruun, kan beela’e beela baasuun akkasumas kan dheebote dheebuu baasuun aadaa gaarii baroottaniif turedha.

Kana malees dhaabbilee hawaasummaa akka Iddirii fi Iquubiin gaddaa fi gammachuu keessatti wal bira dhaabbachuun tureera.

Aadaan waldeeggarsaa durii kun waggoota darban keessatti bifa haaraa horachaa, sadarkaa dhuunfaa ykn maatii irraa ce’ee gara sosochii biyyaalessaatti ce’eera.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad gara aangootti erga dhufanii as, hojiin tola-ooltummaa tattaaffii namoota dhuunfaa irraa gara dhaabbataatti ce’eera.

Hojiileen Mootummaan Ida’amuu hojjetaa jiru kanaaf ragaa dha.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa, lammiilee miliyoonaan lakkaa’aman hirmaachisuun Itiyoophiyaa magariisa gochuu irra darbee aadaa biyyaalessaa haaraa “Hojii waliinii bu’aa waloof” jedhu dagaagseera.

Kana malees hojiiwwan arjooma dhiigaa, qulqullinaa fi miidhagina magaalotaa fi  deeggarsaa dabalaa dhufaniiru.

Jijjiiramni kun hiika guddaa qaba. Sababni isaas, rakkooleen hawaasummaa mootummaa qofaan osoo hin taane, tumsa fi hirmaannaa lammiileetiinis furamuu akka danda’an kan agarsiisu waan ta’eef.

Dhaabbii biqiltuu irraa kaasee namoota daandii irra jiraatan gargaaruu, manneen barnootaa haaromsuu irraa kaasee hanga giddugala maanguddootaa deeggaruutti, lammiileen yeroo, humna fi qabeenya isaanii jireenya namoota biroo fooyyeessuuf oolchaa jiru.

Kun ammoo hiyyummaa qofa osoo hin taane, hariiroo hawaasummaa cimsuuf qooda olaanaa qaba. Sababni isaas, waliin hojjechuun mataan isaa wal amantaafi walitti dhufeenya hawaasaa kan cimsu waan ta’eef.

Hayyoonni waa’ee tola ooltummaa qoratanis yaada walfakkaatu calaqqisiisu. Adam Giraant, barreeffamoota isaa garaagaraa keessatti akka ibsutti, hawaasni namoota biroof tajaajila tola ooltummaa kennan yeroo dheeraa keessatti hariiroo diinagdee fi hawaasummaa cimaa ijaaru.

Roobart Puutnam gama isaatiin, lammiileen hojii waloo keessatti dammaqinaan hirmaachuun dimokraasii fi misoomaaf bu’uura murteessaa ta’uu ibsa.

Yaadota hayyoota kana muuxannoo Itiyoophiyaa yeroo ammaa waliin yoo walqabsiifne, wanti mul’atu ifaadha: tola-ooltummaan gara aadaatti yeroo guddatu, ijaarsa biyyaaf meeshaa guddaadha.

Tola-ooltummaan jecha irraa gara gochaatti, nama dhuunfaa irraa gara hawaasaatti ce’aa jiraachuun isaa dhugaa hin haalamnedha.

Tokkoon tokkoo biqiltuu dhaabamee, cophni dhiigaa arjoomamee, hojiin qulqullinaa kaffaltii malee hojjetame hundi, dhaala dhaloota egereef darbuudha.

Kennuun yeroo aadaa ta’u, hawaasni ni cima; hawaasni yeroo cimu immoo, biyyi ni jabaatti.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.