Aadaa Waldhaggeeffachuu Itiyoophiyaa fooyyofteef…
Finfinnee, Adoolessa 18, 2018(FMC)- Ka’umsiifi galmi waltajjii marii yaada; yaadonni biyya ijaaran mariif dhiyaachuun gara waliigaltee walootti geessu.
Haaluma Kanaan Komishiniin Marii Biyyaalessaa akkaataa kutaalee hawaasaa hunda giddugala godhateen adeemsa ajandaa walitti qabuu xumuruun ajandaawwan gurguddoo saddet adda baasuun boqonnaa yaa’ii marii irratti argama.
Daandiin marii rakkoolee waggoottaniif madda waldhabdee ta’an ittiin furru eegalameera.
Itiyoophiyaan adeemsa dippiloomaasii, waliigalteefi faayidaa waloo irratti hundaa’e kan fayyadamtu hariiroo alaa qofaaf osoo hin taane rakkoolee keessoo ishee furuuf, tokkummaa biyyaalessaafi nageenya waaraa mirkaneessuufisi.
Hawaasni waraanniifi walitti bu’iinsi nu gahe jechuun ijoolleen isaa waraana dirqamaaf akka hin wareegamne, bu’uuraaleen misoomaa gibira uummataan ijaaraman akka hin barbadoofneefi nageenyi akka kabajamuuf karaalee garaagaraa gaafachaa tureera.
Waraanaaf hiriiranii kan turan hedduunis walitti bu’insiifi waldhabdeen siyaasaa qawween hiikamuu akka hin dandeenye hubachuun fuula isaanii gara nageenyaatti naannessaniiru.
Waraanni bu’aa akka hin fidne hubachuun mariin rakkoolee karaa waaraa ta’een furuu akka danda’u amanuun gara nagaatti deebi’aniiru.
Adeemsi qawween injifachuufi mirga ofii kabachiisuuf godhamu nageenya waaraa mirkaneessuuf wabii hin ta’u.
Kanumarraa ka’uun “Gamni namarraa barata” jechuun karaa nageenyaa filachuun dhimma Itiyoophiyaa ni fayyada jedhan irratti mari’achuuf warreen mariif taa’an irraa barachuun ibsituu gamnummaati.
Kanaaf adeemsa marii Itiyoophiyaa fooyyofte ijaaruuf eegalame kana milkeessuuf hundi qooda isaa bahachuu qaba.
Beeteliheem Girmaan.
#Oromia #Ethiopia