Aadde Adaanech Abeebeen manneen 150 namoota harka qalleeyyiif dabarsan
Finfinnee, Caamsaa 16, 2018 (FMC) – Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen manneen 150 namoota harka qalleeyyiif dabarsinee kennineerra jedhan.
Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa Kutaalee Magaalaa Kolfee Qaraaniyoofi Ekkaatti Gamoowwan abbaa darbii shanii 4 (Kolfee Qaraaniyootti manneen 72, Ekkaatti ammoo manneen 78) waliigala manneen 150 maanguddoota, warreen rakkoo hawaasummaa keessa jiraniifi kanneen biyyaaf oolmaa oolaniif dabarsineerra jedhan.
Manneen kanneeniif iddoon tursiisa daa’immanii( Day Care), dirreen ispoortiifi suuqiiwwan shammattootaa guutamuufii eeraniiru.
Qaamolee mandarri gaarummaa kunneen qulqullinaafi ariitiin akka ijaaramaniif qooda isaanii bahatan galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia