Fana: At a Speed of Life!

Afrikaan Sirna Addunyaa Jijjiiramaa Jirutti Madaquu Qofa Osoo Hin Taane, Sirna Kana Bocuu Keessattis Gaheeshee Ba’achuu Qabdi — Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkoloolessa 14, 2019 (FMC) — Afrikaan sirna addunyaa jijjiiramaa jirutti madaquu qofa osoo hin taane, sirna kana bocuu keessattis ga’ee qabaachuu akka qabdu Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, mata-duree “Daandii Nagaa Afrikaan: Birmadummaa Diinagdee fi Jijjiirama Ji’ooopolotiksii” jedhuun waltajjiin nageenyaa olaanaa Xaanaa12ffaa gaggeeffame irratti argamuun ergaa dabarsaniiru.

Ministirri Muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin akka ibsanitti, murtoowwan daangaa biyyootaa darbuun kennaman lammiilee, carraawwan diinagdee fi nageenya irratti dhiibbaa kallattii akka geessisan hubachuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Rakkoolee tasa uumaman hunda guutummaatti to’achuun yoo hin danda’amnellee, dandeettii dandamachuu Afrikaa cimsuun barbaachisaa ta’uu kan ibsan Dooktar Abiy, kunis furmaata haala qabatamaa biyyoota Afrikaa irraa maddu qopheessuu, birmadummaa diinagdee cimsuu fi tumsa gama hedduu guddisuu akka of keessatti hammatu ibsaniiru.

Afrikaan sirna addunyaa jijjiiramaa jirutti madaquu qofa osoo hin taane, karaa ofii isheetiin sirna kana bocuu keessatti ga’ee qabaachuu akka qabdu irra deebi’anii hubachiisaniiru.

Nagaan waaraa Itiyoophiyaaf dhimma dursaafi baay’ee barbaachisaa ta’uu kan ibsan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, kunis lammiilee eeguu, sirna heera mootummaa kabajuu fi balbala marii banuu akka gaafatu dubbataniiru.

Mootummaan kutannoo marii biyyaalessaaf qabuun, namoota karaa nagaa filatan hunda simachuuf yeroo hundaa qophii ta’uu isaa mirkaneessaniiru.

Dabalataanis, Falaasamni Ida’amuu ciminootaa fi dandeettiilwwan walitti qindeessuu, akkasumas furmaata haala qabatamaa biyya keessaa irraa maddu qopheessuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru.

Kanaanis, addunyaa dhaloota dhufuuf dhaalchisnu bocuu keessatti gahee olaanaa bahachaa, Afrikaa dandeettii dandamachuu cimaa qabdu, nagaa fi badhaadhina mirkaneessite ijaaruun akka danda’amu ibsaniiru.

#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.