Fana: At a Speed of Life!

Araaraa fi dhiifama – bu’aalee Marii Biyyaalessaa

Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 (FMC) — Waltajjiin Mariin Biyyaalessaa rakkooleen karaa marii fi olaantummaa yaadaan itti furaman daandii saaquu jalqabeera.

Amantaa uummataa kan argate Mariin Biyyaalessaa Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtu erga jalqabee kaasee hanga ammaatti bu’aawwan gaggaarii qabatamaan mul’isaa jira.

Qajeeltoon, nagaa hawwii qofaan osoo hin taane, murtoo qabatamaa irratti hundaa’uun ijaaruun ni danda’ama jedhu,  tarkaanfii dhiifamaa seena qabeessa waggaa haaraa sababeeffachuun fudhatameen qabatamaan mirkanaa’eera.

Mootummaan Ida’amuu, ayyaana bara haaraa dura namoota dhibbaan lakkaa’aman murtii seeraa bu’uureffachuun  mana sirreessaa keessa turan dhiifamaan akka gadhiifaman, kanneen adeemsa himannaa irra turan irraa ammoo himannaan akka dhaabbatu taasisuun, dhiifamaa fi araaraan gara hawaasaatti deebiseera.
 
Kunis haala siyaasaa biyyattii keessatti qilleensi haaraa dhiifamaa fi araaraa akka bubbisu godheera.
 
Murtoon kun kaayyoo tarsiimawaa fi yaada biyyaalessaa gadi fagoo qaba. Madaa, haalloo fi komiiwwan durii qabatanii gara yeroo haaraatti ce’uun guddina biyyaalessaa akka gufachiisu ergaa kan dabarsee dha.
 
Kanaaf, waggaa haaraa araaraan, jaalalaan fi dhiifamaan jalqabuun, nagaan waaraa akka bu’uura godhatuuf haala mijataa uumamuun danda’ameera.

Gareewwan siyaasaa fi hawaasummaa garaagaraa adeemsa Marii Biyyaalessaa keessatti, namoonni yakka garaagaraatiin murtii seeraan hidhaman, akkasumas kanneen adeemsa himannaa irra jiran dhiifamaa fi araaraan akka gadhiifaman gaaffii dhiyeessaniif mootummaan deebii kennuun, Itiyoophiyaan abdii haaraa araaraa fi dhiifamaa qabattee deemaa jiraachuu mirkaneesseera.

Tarkaanfiin kun dhugaa guddaa tokko mul’isa; amootummaan adeemsa Marii Biyyaalessaa fi yaadawwan furmaataa adeemsa kana irraa maddaniif kutannoo qabu jalqabumarraa kaasee  qabatamaan mirkaneessaa jiraachuu isaati.

Gareewwan dhiifamaa fi araara kana irraa fayyadaman, imala haaraa Itiyoophiyaa karaa nagaa fi dimokraatawaa ta’een bocuuf hirmaattota ijoo ta’anii akka tajaajilan eegama.

Gareewwan kun mariiwwan biyyaalessaa irratti karaa bilchina qabuufi gaarii ta’een hirmaachuun, waliigaltee biyyaalessaa keessatti gumaacha guddaa akka taasisan carraan isaaniif banameera.

Yaadni namootaa garaagaraa ta’uu, fedhiileen walitti bu’uu fi garaagarummaan babal’achuu danda’us, haala akkasii keessatti illee karaa nagaa ta’een waliin mari’achuu, falmuu fi olaantummaa yaadaan wal dorgomuuf balbala kan banuu dha.

Boqonnaawwan waraanaa fi badiisaa hedduu keessa kan darbitee Itiyoophiyaan, seenaa kana jijjiiruun seenaa nagaa, olaantummaa yaadaa, marii fi badhaadhina waloo galmeessuu jalqabdeetti.

Walumaagalatti, murtoon dhiifamaa kun Itiyoophiyaan dhiphina siyaasaa fi marsaa haalloo keessaa baatee gara boqonnaa haaraa obsa, walitti araaramuu fi nagaaitti ce’aa jiraachuu isheef ragaa ta’eera.

Dhiifamniifi mariin mallattoo dadhabinaa osoo hin taane, mallattoo bilchinaafi mo’ichaa ti.

Itophiyaa humnaa fi meeshaa waraanaan osoo hin taane, olaantummaa yaadaa irratti hundaa’uun hogganamtu ijaaruuf bu’uurri kaa’ame karaa nagaa kanaani.

Malkaam Fiqaaduutiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.