Arjentiinaa fi Ingilaandi keessaa eenyuta Dilbata dhufu Ispeen waliin morkata?
Finfinnee, Adoolessa 8, 2018 (FMC) – Tapha Walakkaa xumuraa Waancaa Addunyaa falmiin har’a Arjentiinaa fi Ingilaandi waliin taasisan hawwiin eegama.
Har’a halkan sa’aatii 4:00 eegalee morkiin biyyoonni lamaan waancaaf darbuuf taasisan akkaan eegama.
Biyyoonni lamaan taphoota kana dura waliin tapahan 14 keessaa Ingilaandi yeroo 6 yoo injifattu, Arjentiinaan si’a 3 injifachuun taphoota 5 ammoo qabxii qooddataniiru.
Shaamiyoonaan Waancaa Addunyaa 22ffaa Arjentiina walitti fufinsaan shaampiyoonaa ta’uuf falmiin taasiftu ni eegama.
Shaampiyoonaan bara Faranjootaa 1966 Ingilaandi waggaa 60 booda shaampiyoona ta’uuf tapha xumuraaf darbuuf morkiin Arjentiinaa waliin gootu xiyyeeffannoo argateera.
Waancaan Addunyaa 23ffaan Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksikoon waloon qopheessan xumuramuuf taphoota muraasa qofatu hafa.
Har’a Arjentiinaan Ingilaandi waliin yoo taphattu, Sambata taphni sadarkaa fi Dilbata ammoo taphni waancaa ni taphatama.
Tapha akkaan eegamu kana Abbaa Murtee Kubbaa Miilaa lammii Ameerikaa Ismaa’eel Eelfaatu dursa.
Eenyutu Dilbata Waancaaf Ispeen Waliin falmata?
#Oromia #Ethiopia