Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Idi Al Adahaaf hanqinni oomishaalee akka hin mudanne qophii taasifneerra- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Caamsaa 17, 2018 (FMC)- Ayyaana Iid Al Adahaa (Arafaaf) hanqinni oomishaalee akka hin mudannee fi gabaan tasgabbiii qabu akka jiraatuuf qophii taasifneerra jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Kantiibaa Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Ayyaana Iid Al Adahaa waggaa 1447ffaa kabajamu sababeeffachuun jiraattoonni dhiibbaa gabaa fi dhamaatii malee gammachuun akka dabarsaniif oomishaaleen bu’uuraalee fi galteewwan ayyaanaaf oolan gahaan gatii madaalawaa akka dhiyaatuuf qophiin taasifamuu ibsaniiru.

Magaalicha giddugaloota gurgurtaa Oomishaalee Qonnaa torba keessatti oomishaaleen bal’inaa fi gatii madaalawwan dhiyaachaa jiraachuu himaniiru.

Haaluma kanaan jiraattoonni gabaa Sanbataa naannawaalee isaanii jiranii fi giddugaloota kanneenii bitachuu akka danda’an eeraniiru.

Karaa Waldaalee Hojii Gamtaa shamaattootaa kuma 2 fi 52 fi Dhaabbata Hojiilee Daldalaa Magaalaa Finfinneen Zaayitnii fi Daakuun dhiyaachuu dubbataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.