Baatii Onkololeessaa keessa maamiltoonni kumni 66 ol fayyadamtoota tajaajila Elektirikaa ta’an – Tajaajilicha
Finfinnee, Sadaasa 15, 2019 (FMC) – Baatii Onkololeessaa bara 2019 keessa qofa maamiltoonni kumni 66 ol fayyadamtoota Tajaajila Elektirikaa ta’an jedhe Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa.
Maamiltoota Kuma 88 fi 253 fayyadamtoota taasisuuf karoorfamee kuma 66 fi 473 fayyadamtoota taasisuun danda’amuu Raawwataan Kominikeeshinii tajaajilichaa Anwaar Abraar Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Kunis kan bara darbee yeroo walfaakkaattuun yoo madaalame kuma 20 fi 23 caalmaa qabaachuu kaasan.
Bara kana hanga Baatii Onkololeessaatti maamiltoonni dhaabbatichaa miiliyoona 6 fi kuma 90 fi 965 gahuu himan.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa