Fana: At a Speed of Life!

Balbala yoomiyyuu Nagaaf Hin Cufamne

Finfinnee, Hagayya 24, 2018(FMC) – Jireenya guyyaa guyyaa ilma namaa keessatti wanti waan hundumaa caalaa dursa argatuu fi bu’uura guddinaa kamiyyuu nagaa dha.

Nageenyi nama dhuunfaaf, hawaasaa fi biyyaaf bu’uura cimaa ittiin dhaabbataniidha. Yeroo nageenyi boora’u, jireenyi namaa ni raafama; biyyiis gara badiisaatti dhiyaatti.

Safartuu fi ulaagaalee kamiiniyyuu yoo madaalame, filannoon nagaa yeroo hunda bu’a qabeessaa fi kan bakka hin buufamnee dha.

Filannoo nageenyaa dhiibu ofi, lammii fi biyyaaf yaaduu dhabuu qofa osoo hin taane, fayyummaa fi sirrummaan yaada akkanaa shakkii keessa gala.

Gabaabumatti, nageenyi waan qananii mariif dhiyaatu osoo hin taane, dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ti.

Itiyoophiyaa keessatti nageenya biyyaalessaa fi waaraa mirkaneessuuf, akkasumas rakkoolee nageenyaa mariin furuuf mootummaan yeroo garaagaraatti tattaaffii hedduu godhaa jira.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, yeroo garaagaraatti nageenya ilaalchisuun haawawa taasisaniin, “Mootummaan nageenyaaf jecha yeroo hunda tarkaanfii tokko gara fuulduraatti tarkaanfachuun balbala banaa taasisa. Nageenyi mallattoo mo’amuu osoo hin taane, mallattoo ogummaa fi guddinaati” jechuun, kutannoo mootummaan nageenyaaf qabu ifa godhaniiru.

Waamicha mootummaan nageenyaaf dhiyeesse fudhachuun, hidhattoonni hedduun bosona keessaa ba’anii gaaffii isaanii karaa nagaa fi dimokraatawaa ta’een dhiyeessuu jalqabuu isaaniitiin, yeroo ammaa nageenya madaalawaa fiduun danda’ameera.

Haa ta’u malee, hanga ammaatti qaamoleen bosona keessa socho’an, akkasumas uummata keessa taa’uun nageenyaa fi sochii guyyaa guyyaa lammiilee booressan waan jiraniif, nageenya guutuu fi waaraa mirkaneessuuf hojjechuun barbaachisaadha.

Humni hidhate “Uummataaf nan qabsa’a” jedhu kamiyyuu yoo ta’e, sababa qabsoo isaatiin uummanni nagaa dhabe, ba’ee galuun yaaddoo itti ta’e jedhee yoo amane, waamicha nageenyaa uummanni irra deddeebi’uun dhiyeessaa jiru dhaga’uu qaba.

Fedhii uummataa olitti kaayyoon siyaasaa kamiyyuu jiraachuu hin danda’u.

Uummanni, “Nageenyan barbaada” jechaa jira; qaamni kamuu ilaalcha “Waa’ee nageenya keetii sirra anatu beeka” jedhu qabaachuun fedhii uummataa irraa guutummaatti kan fagaatee dha.

Har’a biyya keenya keessatti naannolee nageenyi jirutti hojiiwwan misoomaa gurguddoon gaggeeffamaa jira.

Nakkeewwan muraasatti ammoo nageenya dhabuu irraa kan ka’e lammiileen carraa misoomaa fi jireenya tasgabbaa’aa dhabanii carraa walqixa misoomuu mootummaan lammiileef kabajchiisellee itti fayyadamuu dadhabaa jiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad dhiyeenya kana Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf haasaa taasisaniin, “Qaamni qawwee qabatee socho’u meeshaa isaa kaa’ee gara mariitti yoo dhufe, mootummaan mari’achuufis ta’e yaada fudhachuuf qophii dha. Sababni isaas sagalee qawwee caalaa sagaleen marii biyya ijaara” jechuun, balballi nageenyaa guutummaatti akka hin cufamne mirkaneessaniiru.

Kanaaf, qaamoleen bosona keessatti hidhatanii socho’anis ta’e, naannolee garaagaraa keessatti nageenya uummataa booressan, dogoggora darbe irraa barachuun waamicha kana fudhachuu qabu.

Nageenya malee filannoon mo’ataan biraa hin jiru.

Balbala nageenyaa baname fayyadamuun, gaaffilee jiran karaa seera qabeessaa fi nagaa ta’een dhiyeessuun, lammiilee yaaddoo irraa bilisa gochuun, nageenya waaraa fi misooma Itiyoophiyaa mirkaneessuun itti gaafatamummaa seenaati.

Taariikuu Laggasaan

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.