Fana: At a Speed of Life!

Bara baajatichaatti ijaarsi dhaabbilee, sirni dimokraasii fi guddinni misoomaa mirkanaa’eera – Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Adooleessa 14, 2018 (FMC) – Bara baajataa 2018 xumurametti ijaarsi dhaabbilee, sirni dimokraasii fi guddinni misoomaa sadarkaa gaariin mirkanaa’uu Pirezidaantii Itti Aanaa fi Hogganaan Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan.

Waltajjiin gamaaggama raawwii hojii bara baajataa 2018 fi karoora hojii bara baajataa 2019 paartichaa Finfinneetti jalqabameera.

Waltajjicharratti Obbo Adam Faaraah dabalatee hoggantoonni dameelee waajjira Muummee paartichaa, deetaawwan ministirootaa fi hoggantoonni waajjraalee damee paarichaa hirmaataniiru.

Obbo Adam Faaraah akka jedhanitti, bara baajataa darbetti ijaarsa dhaabbilee, sirna diimokraasii fi hojiiwwan misoomaan bu’aan guddaan galmaa’eera.

Barri baajetichaa Paartiin Badhaadhinaa gama caasaa ijaaruu, sirna hojii, qabeenya namaa fi meeshaaleen akkasumas dandeettii raawwachiisummaa isaan cimee hojii isaa guddisuu kan itti danda’ee dha jedhan.

Ergamoota hedduu karoorfamanis milkeessuun akka danda’ame ibsaniiru.

Ummanni guutuunis hojiiwwan ergama adda addaa keessatti dammaqinaan hirmaachuun gahee isaa bahachuufi miira abbummaatiin paarticha cina dhaabbachuun imala ijaarsa sirna dimokraasiif bu’uura cimaa kaa’uus hubachiisan.

Filannoo waliigalaa 7ffaas milkaa’ina olaanaadhaan galmaan ga’uu isaa ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.