Bara oomishaa 2018/19’f xaa’oo gahaatu jira- Ejensicha
Finfinnee, Caamsaa 3, 2018 (FMC) – Bara oomishaa 2018/19’f xaa’oo gahaatu jira jedhe Ejensiin Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa.
Bara oomishaa 2018/19’f Xaa’oo man-kuusaa bulee fi haaraa kuntaala miiliyoona 14 fi kuma 39 ol raabsuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Ejensichatti Daayrektarri Dhiyeessaa Raabsaafi Bulchiinsa Liqii Galteewwan Waldaalee Hojii Gamtaa obbo Galaanaa Dheeressaa ibsaniiru.
Bittaa Xaa’oo bara Kana gaggeeffame kuntaala miiliyoona 10.3 keessaa kuntaalli miiliyoonni 5.5 naannoo keenya gaheera jedhan.
Godinaalee hunda keessa Xaa’oon man-kuusaa bule kuntaalli miiliyoonni 3 ol jiraachuus himaniiru.
Hanga ammaattis xaa’oon kuntaalli miiliyoonni 7.9 raabsaaf qophaa’uu kaasaniiru.
Bara kana xiyyeeffannoo muutummaan kenneen Xaa’oon baay’inaafi yeroodhaan galaa jiraachuu eeruun hanqinni xaa’oo akka hin jiraanne dubbataniiru.
Waraana Giddugaleessa Bahaatti mudateen hanqina boba’aa uumamee ture hordofee xaa’oo Man-kuusaa Yuuniyeenii irraa Waldaa Bu’uuraa qaqqabsiisuuf yeroo gabaabaaf rakkoon mudatee akka ture kaasanii, Biiroo Daldalaafi Biiroo Qonnaa Oromiyaa waliin ta’uun furmaata argachaa akka jiru ibsaniiru.
Kanaaf iddoo xaa’oon dhumeetti Yuuniyeenonni gara mun-kuusaa waldaa’ee bu’uuraatti geejjibsiisaa akka jiran eeran.
Faayidaa hin malle argachuuf daddabarsa xaa’oo seeraan alaa hambisuuf Abbaa Taayitaa Galteewwan Qonnaa Oromiyaafi Biiroo Qonnaa naannichaa waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru.
Daldala seeraan alaa hambisuu keessatti qoodni hawaasaa olaanaa ta’uu kaasanii, hawaasni eeruu kennuu akka qabu dhaamaniiru.
Gochaa kana ittisuuf hojii guddaan hojjetamuus ibsaniiru.
Ayyaanaa Dheeressaan.
#Oromia #Ethiopia