Bareedduuwwan Afriikaa Misooma Qarqara Lagaa Finfinnee Daawwatan
Finfinnee, Eebla 18, 2018 (FMC) – Hirmaattonni dorgommii bareedinaa idil-addunyaa Finfinnee keessatti gaggeeffamaa jiru irratti hirmaatan, hojiiwwan misoomaa qarqara lagaa magaalattii keessatti raawwatamaa jiru daawwataniiru.
Dorgommiin bareedinaa kun biyyoota Afriikaa garaa garaa gidduutti hariiroo aadaa uumuu fi qabeenya tuuriizimii beeksisuuf kan kaayyeffatee dha.
Sagantaan xumura dorgommichaa Eebla 24, 2018 Paarkii Michummaatti haala miidhagaa ta’een akka gaggeeffamu odeeffannoon Komiishinii Tuuriizimii Finfinnee irraa argame ni agarsiisa.
#Oromia #Ethiopia