Fana: At a Speed of Life!

“Biyya biraa hin qabdani; Komiishinichaa waliin ta’uun biyya keessaniif hojjedha” – Komiishinar Malaakuu Walda-maariyaam

Finfinnee, Eebla 16, 2018 (FMC) – Komiishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa ogeeyyii miidiyaa hawaasummaa dhiibbaa gaarii uuman waliin mari’ateera.

Komiishinarri Komiishinichaa Malaakuu Walda-maariyaam waltajjicharratti ergaa dabarsaniin; miidiyaa hawaasummaa qalbii qulqulluun waan gaariif yoo itti fayyadamne, humna biyya ijaaruu guddaa qaba jedhaniiru.

Itiyoophiyaa keessatti rakkoolee bara dheeraa dhaalman furuuf filannoon jiru marii qofa ta’uu kan hubachiisan Komishinarichi, “Biyya biraa hin qabdani; Komishinichaa waliin tumsuun biyya keessaniif hojjedha” jechuun ogeeyyii miidiyaa hawaasummaa dhiibbaa uumaniif dhaamsa dabarsaniiru.

Dhimma abbummaa biyyaa fi miira itti-gaafatamummaatiin, adeemsa marii biyyaalessaa keessatti hawaasaaf hubannoo uumuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Yaa’ii biyyaalessaa ji’oota muraasa booda gaggeeffamu irratti, adeemsa marii duraa irraa jalqabee Komishinichaa waliin tumsuun itti-gaafatamummaa lammummaa keessan ba’achuu qabdus jedhaniiru.

Waltajjicharratti, hojiiwwan hanga ammaatti Komishinichaan hojjetaman kan dhiyaatan yoo ta’u, gaaffii mana keessaa dhiyaateef Komiishinar Malaakuun deebii kennaniiru.

Hirmaattonnis Komiishinichaa waliin qindoominaan hojjechuuf waadaa galuu isaanii odeeffannoon Komiishinicha irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.