Biyya Duudhaa ganamaatti deebi’uun iftee bahaa jirtu: Itiyoophiyaa
Finfinnee, Fulbaana 27, 2019 (FMC) –Uummanni Itiyoophiyaa tokkummaa isaa cimsee, obbolummaa dagaagsee, jaalalaan ida’amee qaroomina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf tumsaa jiru.
Itiyoophiyaan biyya argama dhala namaati; Luusiin dachee kanarraa argamte; ragaa saayinsawaa seenaan dhala namaa Itiyoophiyaarraa akka eegale mirkaneessu.
Qaroominni amma ijaarru duudhaa ganamaa bu’uureechuun falaasama ida’amuutiin karoorfamee, beekumsa walootiif barnoota Gadaafi Safuu, haqa walootiif Mana Murtii Aadaa, misooma walootiif Tajaajila Lammummaa, nageenya walootiif Gaachana Sirnaa jaarmiyaan idileessee sirna ijaaraa jirra jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Duudhaafi aadaa taateewwan guyyaa tokkoorra ceesisuun akka madda beekumsaa, kalaqaa, tokkummaafi dandeettii dhalootaa ta’utti guddifachuu barsiifata guyyaa guyyaatti fiduu qabna jedhan.
Ifti jijjiiramaa Itiyoophiyaaf bahuu eegale dukkana, rooba, dhoqqeefi mucuca gannaa kamiinuu kana booda gufachuu hin danda’u jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Qormaatileen ammas jiru. Qormaatileen kunneen humna Itiyoophiyaafi uummatashiiti gadi.
Tokkoon tokkoo sabaafi sablammii afaan fi aadaa mataa isaanii qabaatanis hundi maqaa tokkoon waamamu; lammiilee Itiyoophiyaa kan jedhuun.
Biyya kana keessa Kiristaanniifi Islaamni, Masjiidniifi Manni Amantaa Kiristaanaa waggoottaniif ollummaan waliin jiraataniiru; ijoolleen amantaalee garaagaraa qabanis waliin ta’uun maaddii tokkorraa qooddatu.
Kun immoo akka carraa kan argame osoo hin taane bu’aa waloomaa waggootaa ta’uu ibsan.
Qaroomina Aksuum, Manneen Amantaa Kiristaanaa Laallibalaa, Masaraa Mootummaa Abbaa Jifaar jechaa yoo tarreessine, kunneen hundi ashaaraa qaroomina guddaati.
Itiyoophiyaan biyya qubee mataa isheefi sirnoota barreeffama durii waggoota kuma 2 ol tajaajilan qabdudha.
Biyya mul’ata guddaa qabdudha; seenaa darbe kabajuun gara fuulduraatti kan imaltu; biyya carraa ishee ofiin murteeffattu.
Horata qaroominaa Itiyoophiyaa ture qabatee, Yaadama mandhalee kudhaammatee qaroomina Itiyoophiyaa ijaaruuf Mootummaan Idaa’amuu xiiqin nii hojjeta.
Mootummaan Idaa’amuu, mootummaa cimaafi fudhatama qabu ijaaruun biyya jabduu, badhaadhina hunda-galeesssaa mirkaneeffatte dhugoomsuuf kan hundeeffameedha.
Yaanni Ida’amuu hundee aadaa fi seenaa Itiyoophiyaa irraa kan madde ta’uu fi garaa garummaa simachuudhaan qaroomina haaraa fi guddina biyyaalessaa ijaaruuf dandeettii uuma.
Ida’amuun garaagarummaa keessatti humna, tumsa keessatti milkaa’ina, hojii waloo keessatti egeree Itioophiyaa Ijaara.
Siifan Magarsaatiin
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGudda