Biyyoonni Ollaa Gaaffii Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa sirnaan hubachuu qabu – Ittaanaa Ministira Muummee Taayilaandi
Finfinnee, Hagayya 23, 2018 (FMC) – Biyyoonni ollaa gaaffii Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa sirnaan hubachuu qabu jedhan Ittaanaan Ministira Muummee Taayilaandi Siihaasaakii Puuwaangikeetikeew.
Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa hammattoo tumsa biyyoota guddataa jiranii waliin kan walqabatu ta’uu eeran.
Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii kan taasisan Ministirri Alaa fi Ittaanaan Ministira Muummee Taayilaandi Siihaasaakii Puuwaangikeetikeew, buufanni Galaanaa guddina daldalaa fi Invastimantii biyya tokkoof akkaan murteessaa ta’uu dubbatan.
Kanaaf biyyoonni ollaa tattaaffii Itiyoophiyaan karra galaanaa argachuuf taasisaa jirtu sirnaan hubachuu akka qaban kaasan.
Dhimma bu’uuraa akkaan hubatamuu qabu akka ta’e dubbatan.
Adeemsi karra galaanaa argachuuf taasifamus fedhii fi faayidaa waloo biyyoota ollaa akkaataa tilmaama keessa galcheen raawwatamuu akka qabu himan.
Tumsa cimsuu fi sirna addunyaa seera irratti hundaa’e eeguuf, biyyoota ilaalcha walfakkaataa qaban gidduutti michummaa fi tokkummaan caalaatti akka jiraatu waamicha dhiyeessuu ENA’n gabaasera.
#Oromia #Ethiopia