Boordichi Bu’aa Naannolee filannoo 24 raggaasise
Finfinnee, Waxabajjii 2, 2018 (FMC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa bu’aa naannolee filannoo 24 kanneen lakkawamanii fi ida’amni isaanii xumurame mirkaneessuun ifoomseera.
Haaluma kanaan, naannolee filannoo keessatti kan galmaa’an Mana Maree Naannoo 12 fi Mana Maree Bakka Bu’oota uummataa 12 raggaasiseera.
Boordichi Bu’aalee filannoo Kaadhimamtoota Mana Maree Naannoo fi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dorgomanii fi lakkawamanii xumuraman ibseera.
Haaluma kanaan Boordichi bu’aa naannolee filannoo Naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Beenishaangul Gumuuzi fi Gambeellaa gariin ifoomseera.
Bu’aa filannoo Buufataalee Filannoo Naannoo Oromiyaa lakkawamanii xumuramuun boordichaaf dhiyaata ifoomaniiru.
Naannolee Filannoo Naannoo Oromiyaa keessaa naannoo Filannoo Ciroo 2, Qimbiibiit, Micattaa, Gommaa1, Hirnaa, Jalduu fi Baddeessaa ifoomseera.
Naannolee kanneenitti Kaadhimaamtoonni Paartii Badhaadhinaa qabxii olaanaa argataniiru.
Akkasumas Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf Naannoo Oromiyaarraa bu’aan buufataalee filannoo, Hara Maayaa1, Girawwaa, Saguree, Caancoo, Ciroo 2 fi Oomoo Naadaa1 ifoomeera.