Fana: At a Speed of Life!

Bu’aa tattaaffii hubannoo namtolchee keenyaa arguu eegalleerra- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Adoolessa 18, 2018(FMC)- Bu’aa tattaaffii hubannoo namtolchee keenyaa arguu eegalleerra jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa.

Leenjitoonni yeroo jalqabaaf baatiiwwan jahan darbaniif Giddugala ‘AI Istaart Aappi’tti leenji’aa turan eebbifamaniiru.

Obbo Tamasgeen Xurunaa wayita kana xiyyeeffannoo addaa mootummaan Itiyoophiyaa damichaaf kenneefi kallattii Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolcheef kaa’een giddugalli kun akka dhugoomuuf qoodni isaa olaanaadha jedhan.

Hoggansa Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad damicha guddisuuf bahataniifis galateeffataniiru.

Baatiiwwan jahan darbanitti Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolee Itiyoophiyaatti Giddugala AI Staart Up’f leenjiin teekinikaa, ogummaa misooma oomishaa akkasumas tarsiimoo gabaa bal’inaan fi bifa qandaa’aa ta’een kennamuu ibsaniiru.

Giddugalichi leenjii Istaartaappotaaf kennurra darbee bakka hojii mijataa, woorkishooppii hubannoo namtolchee sadarkaa isaa eeggate, giddugala daataa Kilaawud, fi riisoorsii kompiyuutiishinaalaa olaanaa akka fayyadaman godheera jedhan.

Dabalataanis koonfiransiiwwan idil-addunyaafi biyyaalessaa irratti akka hirmaatan gochuun qorattoota olaanoo hubannoo namtolchee inistiitiyuutichaan deeggarsiifi hordoffiin akka godhamuuf taasifamuu ibsaniiru.

Deeggarsi kunis dargaggoonni kennaa isaanii gara carraa guddaatti akka jijjiiraniif haala mijataa uumuufii kaasuun, isin amnbaasaaddara teeknooloojii Itiyoophiyaati; imala teeknooloojii Itiyoophiyaaf carraaquu qabdu jedhaniiru.

Layikun Alamtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.