Fana: At a Speed of Life!

Buna Sidaamaa 0 – 1 Hadiyyaa Hosaa’inaa

Finfinnee, Caamsaa 6, 2018(FMC) – Taphoota CBE Piriimiyeer liigii Itiyoophiyaa sagantaa torbee 32ffaan har’a taphatameen Hadiyyaa Hoosaa’inaan Buna Sidaamaa injifateera.

Tapha waaree booda sa’aatii 7:00 eegalee Istaadiyeemii Finfinneeetti taphatameen Hadiyyaa Hosaa’inaa dursaa liigichaa Buna Sidaamaa galchii 1 fi 0’n injifateera.

Bunni Sidaamaa taphoota sadi walitti aansuun injifatameera.

Kilabichi Qidduus Giyoorgis waliin galchii malee qixa,Madin Itiyoophiyaan galchii 1 fi 0’n, Shaggariin 1 fi 0’n,Har’a Hadiyyaa Hosaa’inaan galchii 1 fi 0’n injifatamuu taphoota 4 irraa qabxii 1 qofa argachuun kilaboota isa waliin morkataniif hamilee ta’eera.

Nageellee Arsii fi Machaal kilaboota shaampiyoonummaaf morkachaa jiraniidha.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.