Fana: At a Speed of Life!

Buusaa Gonofaan gargaarsaan olitti mallattoo namoomaati! – Pir.Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Caamsaa 7, 2018(FMC) – Buusaa Gonofaan Gargaarsaan olitti mallattoo namoomaati jedhan Pireezidaantiin Mootummaan Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Duudhaa, Safuufi Aadaan Oromoo itita muuxxannoo jiruufi jireenya ilma namaa qajeelchu; dirata eenyummaa namooma dhugaan masakamedha jedhan.

Pireezidaantiin Mootummaan Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan Buusaa Gonofaa ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala argamaan gadiin dhiyaatera.

Duudhaa, Safuufi Aadaan Oromoo itita muuxxannoo jiruufi jireenya ilma namaa qajeelchu; dirata eenyummaa namooma dhugaan masakamedha. Oromoon Gaaddisa duudhaa, safuufi aadaa isaa jalattis sirna bulchiinsa Gadaatiin jaarmiyaalee dhimma hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa ijaaruun saba of tiksaa dhufedha. Jaarmiyaa gurguddoo dhimma hawaasummaa qajeelchan keessaas Buusaa Gonofaan tokko yoo ta’u; gargaasaan olitti miira namoomaan kan guutame qormaata uumamaafi namtolchee walirraa qolachuuf hojiirra oolaa ture.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa barii jijjiiramaa tarkaanfii haaraa duudhaa ganamaatti deebi’uu hojiirra oolcheen ‘Buusaa Gonofaa’ sirna caaseffama mootummaa keessa galchuun rakkoo hawaasummaa waloo waloon qolachuun sadarkaa danda’amurraan ga’ameera. Sosochii waggoottan Shanan darbe taasifameenis namoota miliyoona 29 ol miseensa Buusaa Gonofaa horachuun danda’ameera. Kanaanis harka gargaarsa qaama alaa osoo hin eeggatin; kutaalee hawaasaa rakkoo uumamaafi namtolcheef saaxilaman bayyaannachiisuufi deebisanii dhaabuun danda’ameera.

Gargaaramtummaan baatubaatee duudhaa keenyaan faallaa, barsiifata alaa nutti godaane ta’uu isaa kan hubate Buusaa Gonofaan Oromiyaa hojimaataan masakamuun bifa qindaawaa ta’een hojjetee lammilee dafqa isaaniitiin oomishanii bulan horachuu irratti argama. Makanaayizeeshinii damee Qonnaa keessatti eegalame sadarkaa olaanaatti ceesisuufis Tiraakterootaafi Kombaayineroota bituun hojii misoomaaf kan bobbaase yoo ta’u; ijaarsi warshaa nyaata qindaa’aas gaggeeffamuu eegaleera. Kunis oomisha alaa galu biyyuma keessatti sonni dabalamee akka oomishamu taasisuu, walitti hidhamiinsa gabaa qonnaan bultootaaf uumuufi carraa hojii dabaluu irratti kan xiyyeeffatedha.

Aanaaleefi magaalota garaagaraa keessattis Qonni Buusaa Gonofaa gargaaramtummaarraa gara oomishtummaatti ceesisuuf gargaaran bal’inaan misoomaa kan jiru yoo ta’u; Baadiyyaatti hojii Investimentii Qonnaafi magaalaarrattis gamoowwan ijaaree kireessuun qabeenya dhaabbataa galii itti fufiinsaan guddisuuf gargaaran ijaaruu irrattis bobba’ee kan jirudha. Ergama dhaloota egeree ijaaruu milkeessuufis lafa manneen barnootaa misoomsuun sagantaa nyaata barattootaa milkeessuu irratti argama.

Hojii waggoota Shanan darbe uummata keenya qindeessuun hojjenneen kan kufe kaafnee, kan rakkates gargaarree qormaata uumamaafi namtolchee damdamachuun injifachuu kan nu dandeesise humna uummata keenyaati. Ammas Uummatni Naannoo keenyaa ergamni Buusaa Gonofaa gargaarsaa olitti eenyummaa keenya baatee daangaa kan qaxxaamuruufi dhalootaa dhalootatti ce’u waan ta’eef Buusaa Gonofaa waliin akka dhaabbatan waamichakoon dabarsa.

Ejjennoon Mootummaa Naannoo Oromiyaa Oromoon akka duudhaafi safuusaa ganamaatti ilaalcha gargaaramtummaa cabsee, birmadummaa wabii nyaataa mirkaneeffachuurra darbee harkasaa gargaarsa namoomaa cimsuuf bal’ise ijaaruudha. Kanaafis Buusaa Gonofaa sirneessuun dhaabbata gargaarsa namoomaa guddaa Idil-Addunyaa eenyummaa Oromoo baatee daangaa qaxxaamurutu ijaaramaa jira. Kunis eenyummaa waloo keenyaa daran kan cimsu; ilaalama fageessinee yaaduu keenyaa sadarkaa olaanaatti kan ceesisu mallattoo sabboonummaa keenya jecharra darbinee gochaan mul’isuuti.

Uummatni keenyas ilaalama guddaa duudhaafi safuu keenya ganamaan masakame; jaarmiyaa dhuka Sirna Gadaa Buusaa Gonofaa waliin imala jalqabe cimsee akka itti fufu waamichakoon dhiyeessa!

Oromiyaa ni ijaarra,

Itoophiyaa ni utubna,

Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina;

Waaqayyos nu gargaara!

Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Caamsaa 2018

Finfinnee

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.