Fana: At a Speed of Life!

Bu’uura Boruun bu’uura dhalootaa ijaarra – Pir.Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Caamsaa 1, 2018 (FMC) – Guyyaan Hundeeffama Biiroo Barnootaa Oromiyaa Waggaa 33ffaan magaalaa Bishooftuutti kabajamaa jira.

Pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa fi Hoggantoonni Olaanoon Naannoo fi Federaalaa biroon saganticharratti argamaniiru.

Bu’uura boruun bu’uura dhalootaa ijaarra jedhan Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa ergaa saganticharratti dabarsaniin.

Bu’aan barnootaa caalmaatti ce’umsa olaanaa akka galmeessu itti fufiinsaan hojjetamuu qaba jedhan.

Miidiyaaleenis hojiilee dhaloota ijaaraanii fi qaranirratti xiyyeeffachuu akka qaban hubachiisan.

Keessattuu qabiyyee fi bifiyyee aadaa fi barnoota dagaagsan irratti caalmaatti akka hojjetan yaadachiisan.

Saba waggaa kumaatamaa jiraateef guyyaa hundeeffaa Biiroo barnootaa waggaa 33 kabajuun daran xiqqaa waan ta’eef waan saba waggoota kumaatama jiraate madaalu hojjechuutu nurraa eegama jedhan.

Barnoota amma eegallus hojiileen hojjetaman gaarii ta’anis wanti hafu hedduu akka ta’e eeran.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa waliin gahi’insa manneen barnootaa qaqqabamaa taasisuun dhaloota qaroomee, beekumsaafi ogummaa haraateen biyya ijaaruuf hojjechaa jiraachuu eeran.

Qulqullina Barnootaaf Barsiisonni fi maatiin baratoottaa cimanii hojjechuu qabu akka qabanii dubbachuun, Caasaan Barnootaa Oromiyaa dhaloota injifataa qopheessaa jira jedhan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.