Caffeen Oromiyaa Yaa’ii gaggeessaa ture xumure
Finfinnee, Adoolessa 13, 2018 (FMC) – Caffeen Oromiyaa Yaa’ii idilee 11ffaa bara hojii 5ffaa waggaa 6ffaa gaggeessaa ture xumureera.
Yaa’ii oolmaa har’aan gabaasa raawwii Mana Murtii Olaanaa Oromiyaa, Waajjira Caffee fi Mana Hojii Oditara Muummichaa Oromiyaa dhiyaaterratti bal’inaan mari’ateera.
Caffeen Yaa’ii idilee 11ffaa kana Muudama Abbootii Seeraa raggaasisuun xumureera.
Tsahaay Gulummaatiin