Caffeen Oromiyaa Yaa’ii idilee isaa boru gaggeessa
Finfinnee, Adoolessa 11, 2018 (FMC)- Caffeen Oromiyaa Yaa’ii idilee 11ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Waggaa 5ffaa Adoolessa 12 fi 13, 2018 Galma Caffeetti ni gaggeessa.
Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan ibsa Miidiyaaleef kennaniin, yaa’ichaan barri hojii caffee 6ffaa filannoo marsaa 7ffaa gaggeeffame booda turtii waggoota shanan darban keessatti hojiilee raawwataa ture kan itti dhiyeessuu fi bara hojii isaa itti xumuruu akkasumas mootummaa haaraa dhiheenya hundeeffamuuf wayita qophii taasisaa jirutti kan gaggeeffamu ta’uu ibsaniiru.
Yaa’ichaan ajandaaleen sadii ni dhiyaatu.
Gabaasni raawwii waggaa bara 2018 fi kallattii karooraa bara 2019,
Gabaasni raawwii qaamoolee Mootummaa sadanii ni dhiyaatu.
Akkasumas wixineewwan labsii lama yaa’icharratti ni dhiyaatu.
Wixineen labsii baajata dabalataa bara 2018 fi baajata bara 2019 ni dhiyaatu.
Dabalatanis muudamni abbootii seeraa kan gaggeeffamu ta’uu ibsaniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia