Cancala Diigumsaa
Diinota seenaa fi humnoota alaa dantaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa laamshessanii naannawicha irratti olaantummaa qabaachuuf barbaadan, daandii xaxamaan hordofan keessaa Gaanfi Afrikaa qilleensa nagaa fi misoomaa akka hinbaafanne gochuudha.
Kun harka dhokataa waldhabdee daangaarraa eegalee galma geengoo shiraa Kaayiroo irraa hanga Asmaraatti diriiredha.
Kunis Itiyoophiyaa cimtuu fi badhaate arguuf fedhii dhabuu fi Gaanfa Afrikaa naannawaa jeequmsaa taatee akka turtu kan godhuudha.
Tarsiimoon diigumsaa isaanii naannicha gara mootummoota dadhaboo nagaa fi tasgabbii waaraa hinqabneetti jijjiiruuf kan kaayyeffateedha.
Sababni isaas Itiyoophiyaan Gaanfa Afrikaa keessaa biyya quubsuma bal’aa, baay’ina ummataa fi guddina dinagdee gaarii qabdu waan taateef, utubaa kana raasuuf irratti xiyyeeffataniiru.
Kaayyoo kana galmaan ga’uuf, diinonni seenaa kanneen akka Ijipti, biyyoonni naannawichaa mootummoota cimoo akka hinhundeessine gochuudha.
Ajandaan isaan naannawicha gara wiirtuu jeequmsaatti jijjiiruuf qaban, Sudaan waldhabeen akka dadhabdu deeggarsa dhoksaa taasisuun, Sudaan Kibbaa muddama keessa galchuu fi Eertiraa akka ergamtuutti fayyadamuun naanawicha buufata humna dhabeeyyii gochuuf qabatamaan kan mul’atedha.
Sochiin ijaarsa naannawoo Al Fashaqitti taasifamaa jiru xiyyeeffannoo Itiyoophiyaa gara biraatti geeddaruu, humnoota waraanaa fi tikaa ishee gara dhabsiisuuf kan kaayyeffateedha.
Tooftaan waldhabdee kaasuu kun naannicha gara wiirtuu shororkeessummaa fi seera dhabdummaatti jijjiiruun, humnoonni alaa olaantummaa siyaasaa fi dinagdee barbaadan uummachuuf karaa kan saaquudha.
Gamtaa Hanqina Ajandaan Dhalate
Humnoonni bu’uuraarraa sadarkaan, dantaa fi ilaalchaan wal hinsimne Itiyoophiyaa diiguuf tokko ta’aniiru. “Cidha hineebbifamneen” kan tokkooman gareen fedhii garaagaraa qabu, diina seenaa fi tumsitoota biyya keessaa kan hammatedha.
Tumsitoonni keessoo ajaja fudhachuun biyya keessatti jeequmsaa fi qoqqoodiinsa facaasuuf halkaniifi guyyaa yoo hojjetan, humnoonni alaa ammoo ibidda irratti boba’aa firfirsuu fi afarsuun hammeessuuf qophaa’aniiru.
Shirri kun nagaa biyya keessaa booressuu qofa osoo hintaane jalqabbii Itiyoophiyaan diinagdee, anniisaa fi bu’uuraalee misoomaan Gaanfa Afrikaa walitti hidhuuf jalqabde karaatti hambisuuf kan kaayyeffatedha.
Waggoota darban qajeelfama Ida’amuun kan cimee walitti hidhamiinsi kun, naannawicharratti olaantummaa barbaadan waan dhabsiiseef humnoota fagoo jiraniif yaaddoo olaanaa ta’eera.
Kanaafis karaa miidiyaa isaaniitiin biyyoota naannawichaa gidduutti shakkii fi hammeenya facaasu. Keessattuu Ijipti harka ishee hanga Asmaraatti bal’ateen hojii diigumsaarratti bobbaatee jirti.
Shira Hamaa
Shira diinota keenya hundaa keessaa inni baay’ee hamaan uummatoonni Afrikaa Bahaa hiyyummaa, beelaa fi godaansa irra aanuun, ofii isaaniin guddachuuf mirga uumamaa fi seenaa qaban mulquudha.
Kaayyoon isaanii inni jalqabaa imala biyyaalessaa Itiyoophiyaan gara nyaataan of danda’uu, sagantaa Ashaaraa Magariisaan jijjiirama qilleensaa dandamachuu fi damee qonnaa ammayyeessuun eegalte gufachiisuudha.
Kanaafidha diinonni keenya akka Al Fashaqa lafa daangaa lalisaa ta’e gara naannawaa waraanaatti jijjiiruu, oomishtummaa mancaasuu fi ummanni keenya yeroo hundaa beelaa fi hirkattummaa gargaarsaa jala jilbeenfachiisuu barbaadudha.
Ajandaan hamaan isaanii kun lammiileen Afrikaa Bahaa nagaa argatanii qabeenya uumamaa ofii isaaniitti akka hin fayyadamne yoo taasisu, hireen dargaggoota ammoo waraanaa fi buqqa’iinsaa akka ta’u godhuudha.
Walumaagalatti, shirri diinonni Itiyoophiyaa xaxaa jiran Al Fashaqaittis ta’e Kaayirootti geengoo shiraan kan shirame, birmadummaa biyya keenyaa kan sarbuu fi hawwii misoomaa ummatoota naannichaa karaatti hambisuuf kan kaayyeffatedha.
Haa ta’u malee, ummanni fi mootummaan Itiyoophiyaa tapha summaa’aa ji’oopoolitikaa fi ajandaa dhokataa kana guutummaatti ni hubatu. Hubachuu qofa osoo hin taane akkumaa duraanii ni fashaleessus.
Itiyoophiyaan madaa seenaa ishee qoorsuuf imalli marii biyyaalessaan eegalte, xumuramuun Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa fi karra galaanaa argachuuf carraaqqii taasisaa jirtu ragaa jiraataadha.
Kanarraa kan ka’e, barri Al Fashaqa ykn daangaawwan keenya biroo kamiyyuu barjaa shira humnoota diigumsaa ta’uun xumuramee, mallattoo birmadummaa, kabajaa fi tokkummaa ta’anii itti fufu.
Cimina humnoota waloo uummatoota Itiyoophiyaa fi naannawichaatiin, cancalli diigumsaa diinota keenyaan bocame cituun isaa haqa hinooleedha.
#Oromia #Ethiopia