Fana: At a Speed of Life!

Daa’imummaan duraarratti hojiileen Addunyaaf fakeenya ta’an hojjetame – Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Caamsaa 3, 2018 (FMC) – Yaa’iin Misooma Kunuunsa Daa’imummaan Duraa Idil Addunyaa, Egeree Daa’imman Afriikaa irratti xiyyeeffate gaggeeffameera.

Magaalaa Finfinneetti hojiin Misooma Kunuunsa Daa’immummaan Duraa irratti hojjetame addunyaaf muuxannoo kan ta’uudha jedhan Kantiibaan magaalichaa Aadde Adaanech Abeebeen saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin.

Yeroo ammaa daa’imman miiliyoonni 1.3 kan umuriin isaanii waggaa 6 gadi ta’aniif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira jedhaniru.

Ogeeyyiin kumni 5 ol ramaduun, manaa manatti maatii daa’immaniif gorsa kennaa jiraachuus eeraniiru.

Bakka tursiisa daa’immanii sadarkaa isaanii eeggatan kuma 1 fi 100 keessatti dubartoota daa’imman kunuunsan kuma 7 fi 700 qacaruun hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Hojiileen waggoottan jahan duraa daa’immanirratti hojjetaman barnoota, misooma qabeenya namaa fi diingadeef daran murteessaa ta’uu ibsan.

Mootummaan manneen barnootaa sadarkaan duraaf xiyyeeffannoo kennuun, guyyaan yeroo 2 nyaata dhiyeessaa akka jiru dubbachuun,meeshaalee barnootaas bilisaan dhiyeessuu himan.

Siifan Makonniintu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.