Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensichaa bara 2018 galii Doolaara biiliyoona 9.1 argate

Finfinnee, Adoolessa 22, 2018(FMC)- Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa bara baajataa 2018’tti galii Doolaara biiliyoona 9 fi miiliyoona 100 argate.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Garee Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasoo raawwii karoora hojii bara 2018 daandii qilleensichaa ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Obbo Masfin Xaasoo wayita kana barri 2018 daandii qilleensichaaf mara milkii akka ture ibsaniiru.

Keessumaa iddoowwan gahumsaa babal’isuun sadarkaa idil-addunyaatti iddoowwan gahumsaa haaraa afur biyya keessatti ammoo iddoowwan gahumsaa haaraa sadii hojii eegalchiisuu eeraniiru.

Waraanni Baha Giddugaleessaatti mudate hojii daandii qilleensichaa qoree akka yture kaasanii, dhiibbaawwan garaagaraaf osoo hin jilbeenfatiin waggaa milkaa’aa dabarseera jedhan.

Daandiin qilleensichaa bara baajatichaatti galii Doolaara biiliyoona 9 fi miiliyoona 100 argachuu eeranii, raawwiin kun kan bara darbee waliin yoo madaalamu guddina %20 agarsiisuu ibsaniiru.

‎Guutaa Owwaataatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.