Fana: At a Speed of Life!

Daandiin qilleensichaa hojilee fakkeenyummaa qabu hojjetaa jira – obbo Masfin Xaasaw

Finfinnee, Caamsaa 9, 2018 (FMC)–Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa hojilee fakkeenyummaa qabu hojjetaa jira jedhan Hoji Raawwachiisaa Olaanaan dhaabbatichaa obbo Masfin Xaasaw.

Damee Kaargoo, Leenjii Aviiyeeshinii fi tajaajilaan hojiilee fakkeenyummaa qabu raawwataa jiraachuu kaasan.

Hojiilee raawwate kanaanis dhaabbata guddicha Afrikaa ta’uu danda’eera jedhan.

Guyyaa hundeeffama Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa waggaa 80ffaa sababeeffachuun dorgommiin fiigicha Kiiloo Meetira 8 gaggeeffameera.

Fiigicha har’aa gaggeeffame kanarratti Pireezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Komaandara Atileet Silashii Siihiin, hoggantoota daandii qilleensichaa fi Atileetonni biroon argamaniiru.

Atileet Maammoo Lammaa fi Makliinaat Wudduun dorgommicha injifataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.