Fana: At a Speed of Life!

Daawwannaa Baakuutti taasifneen misooma magaalaa keenyaaf muuxannoo guddaa qooddanne- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Caamsaa 11, 2018 (FMC) – Daawwannaa Azerbaajaan magaalaa Baakuutti taasifneen misooma magaalaa keenyaaf muuxannoo guddaa qooddanneerra jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Yaa’ii magaalotaa Idil-addunyaa Azerbaajaan magaalaa Baakuutti gaggeeffamaa jiruun cinaatti magaalichatti daawwannaa taasisuu ibsaniiru.

Jilli Itiyoophiyaa yaa’icharratti hirmaachaa jiru hojiilee misoomaafi iddoowwan hawwata tuurizimii garaagaraa daawwachuu kaasaniiru.

Adeemsi haaromsa magaalaa Baakuu muuxannoo magaalaa Finfinneefi magaalota biroo Itiyoophiyaa kan calaqqisiisu ta’uus ibsaniiru.

Daawwannichi hojiilee misooma magaalaa, haaromsaafi eegumsa hambaalee naannolee biyya keenyaa hunda keessatti eegalle cimsinee akka itti fufnuuf muuxannoo guddaa nuuf ta’eera jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.