Dabarsa Alangee Gadaa Meelbaa irraa gara Gadaa Muudanaatti…
Finfinnee,Waxabajjii 4, 2018 (FMC) – Gadaan Tuulamaa tartiiba Shan qaba.
Akka Gadaa Tuulamaatti tartiibni marsaa shanan Gadaa:- Roobalee, Birmajii, Meelbaa/Horata, Muudana/Michillee fi Halchiisa.
Gadaan amma keessa jirru gadaa Meelbaa ti. Gadaan itti aanee Anlangee fudhatu Gadaa Muudanaa/Michilleedha.
Gadaan Qaama bulchiinsaa isa olaanaadha. Hawaasummaa, diinagdee, siyaasa walitti qabee kan ummata bulchuudha.
Tuulamni gosa Oromoo keessaa tokko yoo ta’u baayyinaan giddu-galeessa Oromiyaa keessa jiraatu.
Tuulamni Godinaalee Shawaa afran keessatti kan argamu ta’ee daangaan isaatis dhihaa fi kibbaan Macca, Kaaban Wallo, Bahaan Ituu-Humbanaa fi Kara Kibbaatin Arsii (Sikkoo-Mandhoo) dhan kan daangeffamuudha.
Gadaan Tuulamaa giddugaleessa isaa, kan Yaa’ii Saglaniin hogganamu, Magaalaa Bishooftuu godhatee caasaa isaa aanaalee 42 kan Tuulama keessatti argaman hunda keessatti caasaa mataa isaa qaba.
Aanaalee kanneen hunda keessattuu bakka bu’oota Abbaa Gadaa kan ummataan walitti dhiyeenyaan hojjatan qaba.
Bakka bu’oonni kunis aangoo giddugaleessarraa itti kennamu itti gaafatamummaan hojjatu.
Gadaan Tuulamaa ummata biratti amanamummaa guddaa qaba.
Gadaan Tuulamaa gochaa bara dheeraaf irratti gaggeeffame hunda keessa darbee har’a of cimsee Abbootii Gadaa Oromoo mara waliin walittidhufeenya isaa jabeeffateera.
Dur Gadaan miseensa (paartii) sagal akka ture himama.
Maqaaleen hangahar’aatti waamamanis kanuma mirkaneessa.
Isaanis: Birmajii, Beelbaa, Halchiisa, Muudana,Roobalee, Horata, Duuloo, Biifole, Michilleefi Kiiloleedha.
Garuu bara kam Gadaa shanitti akka deebi’e ragaa qabatamaan hinargamne.
Abboottii Gadaa waggoota 32n kana Gadaa Tuulamaa hogganan
1. Halchiisa – Abbaa Gadaa Lammaa Baarudaa
2. Roobalee – Abbaa Gadaa Naggasaa Nagawoo
3. Birmajii – Abbaa Gadaa Bayyanaa Sanbatoo
4. Meelbaa- Abbaa Gadaa Goobana Hoolaati.
Sirni walharkaa fuudhinsa Alangee Gadaa Tuulamaa marsaa 71ffaan Gadaa Meelbaa irraa gara Muudanaatti dabarsuu Dilbata dhufu ardaa jilaa Dhaka Koratti gaggeeffama.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia