Daldala alaa oomishaalee beelladaa irraa galiin Doolaarri miiliyoonni 128 ol argame- Ministeericha
Finfinnee, Adoolessa 13, 2018(FMC)- Bara baajataa 2018’tti daldala alaa oomishaalee beelladaa qindaa’an irraa galiin Doolaarri miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 28 fi kumni 400 argameera jedhe Ministeerri Qonnaa.
Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Fiqruu Raggaasaa bara baajatichaatti oomishaalee beelladaa qindaa’an toonii kuma 25.9 gabaa alaaf dhiyeessuuf karoorfamee toonii kumni 24.2 ergamuu ibsaniiru.
Kanarraas galiin Doolaarri miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 28 fi kumni 400 argamuu eeraniiru.
Xiyyeeffannoo misooma beelladaaf kennameen bu’aa qabatamaan galmaa’aa jiraatus qabeenya beelladaa Itiyoophiyaan qabdu waliin yoo madaalamu bu’aan isaa gadi aanaa ta’uu kaasaniiru.
Bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf qaamoleen qooda fudhattootaa gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.
Daayrektarri olaanaan Inistiitiyuutii Misooma Beelladaa Dooktar Asraat Xeeraa gamasaaniin, bu’aa daldala alaa oomishaalee beelladaarratti argame itti fufsiisuuf al-ergitoonni qindoominaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Bara baajatichaatti beelladaa foonii( Hoolotaa fi Re’oota) miiliyoona 2.36 gabaa alaatiif dhiyeessuuf karoorfamee miiliyoonni 2.4 dhiyaachuu yaadachiisaniiru.
Galii daldala alaa oomishaalee beelladaa qindaa’an irraa argamu guddisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uus Hojii Raawwachiisaan Hariiroo Uummataafi Kominikeeshinii Ministeerichaa Yimar Daawud Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
Gamaaggamni raawwii Karoora bara 2018 fi karoora bara baajataa 2019 Inistiitiyuutii Misooma Beelladaa bakka hoggantoonni mootummaa federaalaafi naannolee akkasumas qoodni fudhattoonni argamanitti gaggeeffamuus eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia