Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoonni aadaa isaanii akka beekaniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 2, 2019(FMC) — Dargaggoonni aadaa isaanii akka beekanii fi miira jaalala biyyaa akka horataniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhe Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa.

Hogganaa Itti aanaan biirichaa Deraaraa Kattaa Faanaa Dijitaaliitti akka himanitti, naannichatti aadaa fi duudhaa Oromoo guddisuu, akkasumas uummanni aadaa isaa irraa fayyadamaa akka ta’uuf misooma aadaatiif xiyyeeffannoon addaa kennameera.

Kanaanis, inisheetiivii bocuun eegumsa aadaa fi duudhaa faayidaa uummataan walitti hidhuun hojiirra oolaa jiraachuu ibsaniiru.

Ayyaanni Goobee fi Shinooyyee inisheetiivii kanaan aadaa fi duudhaa isaa eegee kabajamaa jiraachuu kaasuun, ayyaanichi dargaggoota jaarsolii biyyaa, abbootii fi haadhotii waliin wal qunnamsiisuun eebbaa fi beekumsa wal jijjiiruuf akka tajaajilu ibsaniiru.

Ayyaanotni akkanaa hariiroo dargaggootaa cimsuu bira darbee, jaalala biyyaa fi hubannoo faayidaa biyyaalessaa guddisuuf ga’ee olaanaa akka qabanis dabaluun ibsaniiru.

Duudhaa aadaa guddisuu qofa osoo hin taane, naannicha bakka daawwannaa turizimii beekamaatti guddisuufis kan gargaaran ta’uu eeran.

Fuuldurattis baay’inni daawwattoota ayyaanota kanneen irratti hirmaachuuf dhufanii akka dabaluu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Bakkeewwan daawwannaa turizimii misoomsuu fi beeksisuunis qaama hojii kanaati jedhan.

Inisheetiivii aadaa hojiirra oolchuun aadaa fi duudhaalee eeguuf, dargaggoonni aadaa isaanii cimsatanii gahee biyyi irraa eegdu akka ba’aniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Yoonaas Geetinnatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.