Dhaabbatichi guutummaatti gara diijitaalaatti ce’eera- Dooktar Meeroon Kaffalaw
Finfinnee, Caamsaa 10, 2018 (FMC) – Tajaajilli Istaatistiksii Itiyoophiyaa guutummaatti gara diijitaalaatti ce’eera jedhan Itti aantuun Daayrektara Olaanaa dhaabbatichaa Dooktar Meeroon Kaffalaw.
Yaa’iin biyyaalessaa mata duree “ Birmadummaa odeeffannoo bilisummaa imaammataaf” jedhuun qophaa’e bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi hoggantoonni olaanoon mootummaa argamanitti gaggeeffamaa jira.
Dooktar Meeroon Kaffalaw wayita kana dhaabbatichi hojimaata faffaca’aa fi harkaafi waraqaa keessaa bahuun sirna af-gaaffii dhuunfaa koompiiteraan deeggarame, sirna odeeffannoo qindaa’aa haala teessuma lafaa, Riimooti Seensiingii, bu’uuraalee misoomaa Kilaawudii akkasumas Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun waltajjii to’annoo lakkooftuuwwan fayyadamuun guutummaatti gara diijitaalaafi dirree Istaatistiksii yeroo isaa eeggateetti cehuu eeraniiru.
Itiyoophiyaan yeroo ammaa odeeffannoo sassaabuu qofarratti akka hin daangofne kaasanii, sadarkaa biyyaalessaatti dameewwan walitti hidhaman 26, kuusaa odeeffannoo qorannoofi lakkaawwii akkasumas bu’uuraalee misooma hubannoo diijitaalaa ijaaraa jiraachuus ibsuusanii Waajjirri Ministira Muummee ifoomseera.
#Oromia #Ethiopia