Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Kutaa Magaalaa Sulultaatti…
Finfinnee,Waxabajjii 29, 2018 (FMC) – Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Sulultaatti dhaabbiin biqiltuu Ashaaraa Magarisaa gaggeeffameera.
Akka Kutaa magaalichaatti biqiltuuwwan akaakuu garaagaraa miiliyoona 1.1 Lafa heektara 150 irra dhaabuuf har’a Aanaa Abbaa Gadaafi Wasarbiitti sagantaan dhaabbii gaggeeffameera.
Itti Aanaa Kantibaafi Qindeessaa Kilaastera Qonnaafi Misoomaa magaalaa Shaggar obbo Girmaa Hayiluu fi Bulchaa kutaa magaalichaa obbo Kumaa Hundee dabalatee hoggantoonni mootummaa biroofi kutaaleen hawaasaa waloon sagantaa duula dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaa kana gaggeessaniiru.
Magaalaa Shaggaritti ganna kana biqiltuuwwan gosoota garagaraa miiliyoona 16.8 lafa adda bahe irra dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Hojii Ashaaraa magariisaa hundeeffama magaalichaa irraa eegalee hojjetameen uwwisni bosonaa %11.7 irraa gara % 21.98tti guddisuun danda’ameera.
#Oromia #Ethiopia