Dhaabbilee cimoo, biyya cimtuu ijaaruuf…
Finfinnee, Fulbaana 6, 2019 (FMC) – Biyyi dhaabbilee cimoo qabdu, misooma itti fufiinsa qabuufi nageenya waaraa qabaatti.
Dhaabbileen ati ijaartu namoota yeroo yeroon jijjiiraman irratti osoo hin taane, sirna dhaabbatummaa isaanii irratti qofa waan hundaa’aniif, jabaatanii itti fufu.
Dhaabbileen jijjiirama mootummaa fi dheerina yeroon hin raafamne olaantummaa seeraa kabachiisuufi misooma itti fufsiisuun biyya cimtuu ijaaruuf gahee ijoo qabu.
Mootummaan Ida’amuusa kana bu’uura taasisuun biyya cimtuu ijaaruuf hojjetaa jira.
Itti fufiinsarratti hojjechuun tokkummaa biyyaa cichoomsuu, dhaloota itti fufsiisuu fi misooma waareessuuf murteessadha.
Pirojektoonni biyyaalessaa gurguddoon dhaloota itti aanuuf bu’uura cimaa kaa’an, akkasumas barootaaf turan, ijaaramuun isaanii agarsiiftuu qabatamaadha.
Piroojektoonni misoomaa yeroo ammaa kutaalee biyyattii garaagaraatti hojjetamaa jiran badhaadhina Itiyoophiyaa kan dhugoomsaniidha.
Sirni dimokraasii bal’aan Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtuufi ijaarsa biyyaa cimsuuf raawwachaa jirtu qaama adeemsa kanaati.
Dhaabbilee cimoo misooma waliin hidhata qaban ijaaruun barbaachisaadha.
Guddinni Itiyoophiyaa cimina dhaabbilee isheerratti akka hundaa’anii fi guddinni diinagdee dhalootaaf ce’u akka galmaa’uu mootummaa Ida’amuu hojjetaa jira.
Dhaabbilee cimoon biyyaa cimaa ijaaruuf, tokkummaa biyyaalessaa fi misooma waaraaf bu’uura ta’uu isaaniin mootummaan jijjiiramaa xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjetaa jira.
Immabeet Sisaayiin
#Oromia #Ethiopia