Dhaloota dandeettiifi teeknooloojiin dorgamaa ta’e horachuuf hojjetamaa jira- Dooktar Tolaa Bariisoo
Finfinnee, Waxabajjii 19, 2018 (FMC)- Dhaloota dandeettiifi teeknooloojiin dorgamaa ta’e horachuuf hojjetamaa jira jedhan Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon.
Godina Arsii Aanaa Xiyyootti Manni Baruumsa Bu’uura Boruu Kataar Birrii miiliyoona 42 oliin ijaarame eebbifameera.
Dooktar Tolaa Bariisoon wayita kana mootummaan dhaloota dandeettiifi teeknooloojiin dorgamaa ta’e horachuuf qulqullina barnootaa mirkaneessurratti xiyyeeffannoon hojjachaa jiraachuu ibsan.
Barnootni qulqullina qabu akka kennamuufis ijaarsa manneen barnootaa bu’ura boruufi sadarkaa 1ffaa sadarkaan isaanii eegame ijaarsiisuun sirni baruufi barsiisuu keessatti kennamaa jiraachuu dubbataniiru.
Abdallaa Amaan’tu gabaase.
#Oromia #Ethiopia