Fana: At a Speed of Life!

Dhibee Vaayirasii Iboolaa ittisuuf hojii qophii duraa hojjetamaa jiru…

Finfinnee, Caamsaa 17, 2018 (FMC) – Dhibee Vaayirasii Iboolaa biyyoota Afrikaa garaagaraatti mudate ittisuuf hojiin qophii duraa hojjetamaa jira jedhen Ministeerri Fayyaa.

Dhibeen kun Rippaablika Diimokiraatawaa Koongoo fi Ugaandaatti mudachuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibsa baaseen beekksisuu ministeerri fayyaa ibseera.

Dhibichi gosa Vaayirasi ‘Bundibugio’ jedhamuun kan dhufu yoo ta’uu, hanga guyyaa kaleessatti biyyoota kanneenitti namoota 101 irratti argamuu laabiraatooriin mirkanaa’eera.

Namoonni dhukkubsattoota kanneen waliin tuttuqaa qaban 900 adda baafamuun hordoffiin yaalaa taasifamaafii jira.

Itiyoophiyaatti hanga ammaatti mallattoon dhibichaa mul’ate jiraachuu baatus dhibichi daraan hamaa ta’uu isaan hojiin dursanii ittisuu qophii duraa hojjetamaa jira jedhe.

Ministeerri Fayyaa fi Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa tumsaan hojjetaa jiraachuu ibse.

Keellawwan Karra bahiinsaa fi seensaa hundarrattin hojiin foo’uu fi sakatta’uu hojjetamaa akka jiru himeera.

Daandiwwan Qilleensaa idil Addunyaatti hordoffii cimaan taasifamaa akka jiruu fi dhaabbilee Fayyaa qophii taasisuu fi dandeettii laabraatoorii guddisuu, akkasuma hojiin dhiyeessii galteewwan yaala fayyaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu hime Ministeerri Fayyaa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.