Diimokiraasiin badhaadhina hunda galeessaaf bu’uura- Obbo Adam Faaraah
Finfinnee, Waxabajjii 7, 2018(FMC)- Diimokiraasiin badhaadhina hunda galeessaaf bu’uura jedhan Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Hogganaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimokiraasii Obbo Adam Faaraah.
Manni Maree Dhaabbilee Siiviilii Hawaasaa qooda fudhattoota filannoo waliigalaa 7ffaa keessatti gahee isaanii bahataniif sagantaa beekamtii kennuufi galateeffannaa gaggeesseera.
Obbo Adam Faaraah saganticha ilaalchisee yaada kennaniin, sagantichi kutannoo Dhaabbileen Siiviilii Hawaasaa Itiyoophiyaa ijaarsa sirna diimokiraasiif qaban qabatamaan kan agarsiisudha jedhan.
Diimokiraasiin Itiyoophiyaaf dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu akkasumas bu’uura badhaadhina hundagaleessaa ta’uu kaasanii, utubaa heddummina ittiin keessumsiifnu, nageenya waaraa mirkaneessinuufi biyya jabduu ittiin ijaarrudha jedhan.
Ijaarsa sirna diimokiraasii keessatti hirmaannaan dhaabbilee siiviilii hawaasaa shoora olaanaa qabaachuus kaasaniiru.
Dhaabbileen kunneen filattoota barsiisuun, mirga filachuu isaaniitti akka fayyadaman gochuun akkasumas ijaarsa duudhaalee nageenyaa keessatti mootummaafi uummata gidduutti riqicha ta’uun hirmaannaa lammiilee mirkaneessuu keessatti qooda guddaa qabaachuus eeraniiru.
Yeroo itti aanuttis dhaabbileen siiviilii hawaasaa guddina gama maraa keessatti gahee isaanii akka bahataniif Paartiin Badhaadhinaa tumsaafi deeggarsa gochuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
Saganticharratti Pireezedaantii RDFI Taayyee Atsiqasillaasee dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon argamaniiru.
Admaasuu Arraagaawun.
#Oromia #Ethiopia