Diinni kumaatamni walitti qabamuyyuu imala Itiyoophiyaa hin dhaabsisan- Obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Waxabajjii 2, 2018 (FMC)- Diinni kumaatamni walitti qabamuyyuu imala Itiyoophiyaa hin dhaabsisan jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan.
Magaalaa Waldiyaatti pirojektoonni misoomaa tumsa hoggansaafi uummataan ijaaraman eebbifamaniiru.
Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, imalli Itiyoophiyaa gara fuulduraatti waan ta’eef diinni hagamuu karoorsu imala keenyarraa nu dhaabuu akka hin dandeenye Waldiyaan ragaadha jedhan.
Hojiileen magaalicha ammayyeessuu, giddugaleessummaa daldalaafi indaastirii ta’uushee dhugoomsuu fi misooma kooriidarii babal’isuu gara fuula duraatti imaluu isheef ragaa ta’uu eeraniiru.
Daandiin keenya Ida’amuu, galmi keenya badhaadhina; guddummaa Itiyoophiyaa osoo hin mirkaneessiin hin dhaabbannu jedhaniiru.
Diinni kumaatamni walitti qabamuyyuu imala Itiyoophiyaa dhaabsisuu akka hin dandeenye hubachiisaniiru.