Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana Mawuliidaa sababeeffachuun ergaa Baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Hagayya 18, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana Mawuliidaa kuma 1 fi 501ffaa sababeeffachuun ergaa Baga geessanii dabarsaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa isaaniin, seenaan Nabiyyuu Mahaammad seenaawwan dhaloota gaarummaaf bocan keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.

Kaayyoo itti waamamaniif kabajuu, gatii kaffaluu, warreen kaaniif qooduu, wanta itti waamamaniif kabajanii jiraachuu, kunneen hundi beekumsa kitaabilee kumaatama ba’anidha jedhan.

Nabiyyuu Mahaammad kaayyoo waamamaniif haalaan hubachuun kabajanii jiraataniiru; kan waamaman wanta salphaafi rakasaaf akka hin taane hubataniiru jedhaniiru.

Kan waamaman dhaloota bocuufi seenaa jijjiiruuf ta’uu amananiiru; kanas jecha, hojii fi jireenya isaaniin kabajanii jiraachuu ibsaniiru.

Kaayyoo biyyaalessaa guddaaf waamamneerra jennee kan yaadnu yoo ta’e jireenyi Nabiyyuu kun beekumsa guddaa nuuf ta’a jedhan.

Kaayyoo waamamneef haasawaa, hojiifi jireenya keenyaan haa mul’isnu jedhaniiru.

Nabiyyuun kaayyoo itti amananiif gatii kaffaluu ibsuun, iddoo isaaniitii godaananiiru, nyaataafi dahoo dhowwatamaniiru, maatii isaaniirraa adda bahaniiru, qormaatilee du’arraan nama geessisan keessa darbaniiru, waraanni irratti banameera, haa ta’u malee hunda humna Allaah’n injifataniiru jechuun ibsan.

Kabajni rakkoo malee akka hin argamne kaasanii, namni dhugaan kaayyoo isaaf akka Nabiyyuu Mahaammad gatii kaffala; kabajaafi faayidaa kaayyoon isaa argamsiisu qofa osoo hin ta’iin wareegama isa kaffalchiisuus kaffaluuf qophii ta’uu eeran.

Nabiyyuu Mahaammad ergaa Allaah irraa isaan qaqqabe ofii isaaniif qofa hin hambisne; wanta itti waamaman warreen kaaniif qooduuf carraaqaniiru jechuun ibsaniiru.

Jalqabarra namoota qubaan lakkaa’amaniif, boodarra Suhaabota itti dhiyoo jiraniif, dhumarrattis addunyaaf ergicha dabarsaniiru jedhan.

Sanyii isaan facaasan, naqachaafi bilchaataa dhufuu kaasanii; kaayyoo keenya nuti qofti beekuufi amanuun gahaa miti jedhan.

Warreen kaan akka baraniifi akka amananiif akka Nabiyyuu ciminaan hojjechuu qabna jedhan ergaa isaaniin.

Guyyaa dhalootaa Nabiyyuu wayita kabjnu jireenya isaaniirraa barachaa, kan barannes ijaarsa biyyaaf haa fayyadamnu jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.