Dooktar Abiy Ahimad Kaataar galan
Finfinnee, Adoolessa 6, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Kaataar galaniiru.
Du’aan boqochuu Amiirii duraanii Kaataar Sheek Hamaad Biin Kaaliifaa Altaaniif gadda isaanii ibsachuuf Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Kaataar galaniiru.
Amiiriin duraanii Kaataar Sheek Hamaad Biin Kaaliifaa Altaaniin addunyaa kanarraa du’aan boqochuun isaanii kan yaadatamuudha.
Du’aan boqochuu Amiira Kaataar Sheek Hamad bin Kaliifaa Al-Tahaniin hordofee Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad ummata biyyattiif ergaa jajjabinaa dabarsanii turan.
Imalli Ministira Muummee kun hariiroon Itiyoophiyaa fi Kaataar michummaa cimaa ta’uu agarsiiftuu akka ta’e Waajjirri Ministira Muummee ibseera.
#Oromia #Ethiopia