Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Laayibeeriyaa Jooseef Niyuumaa Boo’akaay Masaraa Biyyaalessaatti simatan
Finfinnee, Ebla 6, 2018(FMC) –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad daawwannaa hojiif Finfinneetti kan argaman Pireezidaantii Rippaablika Laayibeeriyaa Jooseef Niyuumaa Boo’akaay Masaraa Biyyaalessaatti simataniiru.
Pireezidaanti Jooseef Niyuumaa Boo’akaay Masaraa Biyyaalessaatti simachuu kootti kabajatu natti dhagahama jedhan Dooktar Abiy Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.
Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan biyyoota Kolonii jala hin galle, bilisummaa fi tokkummaa Ardichaaf sagalee kan ta’an, hariiroo bara dheeraa kan qabanii fi seenaa waloo ejjennoorra madde kan qabaniidha jedhan.
Itiyoophiyaan har’as akkuma yeroo hundaa maaddii bal’aa humna guddaa fi michummaa waaraa warra ishee waliin imalaniif qooduuf qophii ta’uu ibsan.
Daawwannaan kunis hariiroo dippiloomaasii biyyoota lamaan gidduu jiru cimsuun, karoora waloof bu’uura hin raafamnee fi murannoo raawwachuu gara boqonnaa murteessati akka ceesisu abdiin qaba jechuun ibsan.
#Oromia #Ethiopia