Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Riizoortii fi Ispaa Kurriftuu Aarbaa Minci daawwatan

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Riizoortii fi Ispaa Kurriftuu Aarbaa Minci daawwataniiru.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Aarbaa Minci, Maddi Misoomuu ishee miidhagaa itti fufeera jedhan.

‎Magaalaa Aarbaa Mincitti lafa karee meetira 52 irra kan qubate Rizoortii fi Ispaa Kurriftuu daawwachuu ibsaniiru.

‎Piroojeektichi Viilaawwan 53 kan of keessaa qabu yoo ta’u, lammilee 300 oliif carraa hojii dhaabbiin uumuus kaasaniiru.

‎Invastimantiiwwan akkaanaa bu’uuraalee misoomaa mootummana ida’amuun ijaaraman hordofee dameen dhuunfaa gahee bahachuu qabuuf agarsiiftuudha jedhan.

Dooktar Abiy dandeettii tuuriizimii biyyattii gara boqonnaa olaanaatti kan ceesisan pirojektiiwwan gurguddoo irratti, Abbootiin qabeenyaa biyya keessaa fi alaa bal’inaan hojii investimantirratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.