Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad terminaala haaraa buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Dajjaazmaach Balaay Zallaqaa eebbisiisan

Finfinnee, Adoolessa 30, 2018(FMC) – Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad Baahir Daaritti terminaala haaraa buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Dajjaazmaach Balaay Zallaqaa eebbisaniiru.

Magaalaan Baahir Daar yeroo dhiyoo asitti tuurizimiin, ijaarsa paarkii indaastiriin, daandiiwwan keessa keessoon, riqicha guddicha Abbayyaan fi misooma kooriidariin dadammaqiinsa olaanaa agarsiisaa akka jirtu eeraniiru.

Baahir Daar bu’uuraalee misoomaa gurguddoo kanneen qabaattee sadarkaa biyyaalessaatti sassaabbii galiin sadakaa 7ffaa irratti argamuun ishee pirojektoota hojjetaman illee suphuuf waan hin dandeessifneef jiraattonniifi hoggantoonni xiyyeeffannoo addaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.